Byyiti Suudaan Kibbaa Marii Araaraa Itophiyaati geggeeyfamuuf saganteeffame didde.

Ministeerri dhimma beessisaa Biyya Suudaan Kibbaa Michael Makuii Lueth akka miidiyaalee biyya keessatiif ibsa kennanitti Biyyti Itoophiyaa rakkoo siyaasaa keessa ijaa jirtuuf mariin araaraa mootummaa Sudaan Kibbaafi mormitoota gidduutti Taassifamuuf deemu biyya biraatti geggeeffamuu qaba jechuun ejjennoo ishee ibsite! Walitti bu’insa waliinii kan biyya Sudaan Kibbaa keessatti deemaa jiru ilaalchisuun yeroo gara garaatti mareen dhimma araaraa Mootummaa Sudaan Kibbaa fi ...

Read More »

Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) karoora warraaqasa dimokraasii jabeesuun filannoo duraa akka tahe ibsan.

Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) wal-ga’ii guyyoota 8 geggeesaniin haala hooggansa dhaabbatichaa fii dhaabbilee biyyaalessaa giddutti hidhaa cimaa uumame jechuun wal-ga’ii mana mare Adda Demokraasummaa Warraaqasa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) guyyaa har’a eegalaniiru. Koreen Hoji-raawwachiistuu Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) wal-ga’ii guyyoota 8 geggeesaniin karoora warraaqsa dimokraasummaa jajjabeessuun filaanoo dursaa ijaa taheef hoogganooni fii miseensonni Adda Dimookraasummaa ...

Read More »

Lammiilee oromoo shira mootummaa Itiyoophiyaaf mootummaa somaaleen xaxameen naannoo sumaaleetii buqqa’an magaalaa shaashamannee akka qubsiifaman beekame.

Dhalattoonni oromoo naannoo sumaalee jiraachaa turan kuma hedduutti tilmaamaman qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafamuun waan yaadatamuudha. Jiraattonni magaalaa shashamannee mootummaa naannoo oromiyaa waliin ta’uun manneen jireenyaa ijaaruun namoota buqqa’an kana deebisanii dhaabuuf haala ho’aan simatanii jiru. Kantiibaan magaalaa shaashamannee aadde xayyibaa hasan simannaa buqqaatota kanaa irratti haasaa taassisaniin namoonni buqqa’an kun hanga isaan miidhaa isaan irra ga’e kanarraa dandamatanitti, hamileen isaanii ...

Read More »

Kongrasiin federaalistii oromoo labsii yeroo muddamaa ilaalchisuun yeroo lammaffaaf ibsa baasan

Ibsi paartii kongrasii federaalistii oromoo irraa kenname akka mul’isutti mootummaan addawai labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun uummata biyyattii ittiin miidhaa jiru hatattamaan kaasuu akka qabu beeksise. Labsiin yeroo muddamaa rakkoo babal’isuu malee furmaata fidaa akka hin jirre kan eere ibsi kun mootummaan biyyattii bulchaa jiru paartii mormituu haqaan socho’aa jiruu wajjin walii galuun nagaa buusuu akka qabu beeksise. Biyya Itiyoophiyaatti mootummoonni ...

Read More »

Hogganaan kominikeeshinii biiroo Haqaa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’a ajjeechaa Mooyyaleetti humnoonni waraanaa lammiilee nagaa irratti raawwatan irratti miidiyaalee ala jiranif waan dubbataniif hidhaman.

Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, godinaa Booranaa, magaalaa Moyyaalee keessatti, haleellaa Sanbata darbe , raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin raaw’atamee namoota kudhan ajjeesee fi kudha-tokko madeesse ilaalchisee, Sekireteeraayitii Komaand Poostiin Labsii Yeroo Muddmaa Itiyoophiyaa, “odeeffannoo dogoggoraa irraa ka’uudhaan, gochaa dogoggoraa murni raayyaa ittisaa loltoota shan qabu raaw’ate” jedhuudhaan, akka loltoonni sun to’annaa jala jiran dubbachuun isaa kan yaadatamudha. Haaluma kana ilaachisuun,hogganaan kominikeeshinii biiroo Oromiyaa ...

Read More »

Mormiin Uggura Boba’aa Torbeef labsame guyyaa sadaffaaf guutuu biyyatti itti fufeera.

Labsa Yeroo muddamaa mootummaan heeraan ala waamteen wal-qabatee ajjeechaa gara jabeenyaa loltoota Agaazii woyyaaneetiin Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru murmuuf Qeerroon labsa uggura boba’aa torbee tokkoof waamaniiru. Uggurri boba’aa torbee tokkoof qindaawe kun konkolaatota boba’aa fe’anii biyyoota alaa irraa seenuu fi konkolaatota biyya keessattillee boba’aa fe’an akka hin sochoonee fi abbootiin qabeenyaa fi konkolaachiftoonnis ajaja kana cabsuun yoo didanii darban ...

Read More »

Lammiileen oromoo waraana biyyattii jelaa baqachuun daangaa ce’anii gara Keeniyaatti godaanaa jiran baay’inn isaanii ammallee dabalaa jira

Ajjeechaa suukanneessaa waraanni sirna wayyaanee magaalaa moyaalee keessatti raawwateen wal qabatee lammiileen oromoo sodaa nageenyaa irraa kan ka’e, ammallee gara daangaa keeniyaatti baqataa jiru . bulchaan itti-aanaa kaawuntii Marsabit, Kaaba Keeniyaa, Salamoon Guuboo akka ibsa BBC’f kennanitti ”Seesii, Buutiyyee, Soomarree, Dadaa Kormaa, Kukkubaa, Danbalaa Facanaa bakka jedhaman baqattoonni kun qubatanii kan jiran ta’uun beekame. Hanga guyyaa kaleessaattis baqattoonni kuma 8 ...

Read More »

Lammiilee oromoo shira wayyaaneefi bulchiinsa mootummaa naannoo sumaaleetiin buqqa’an magaalota oromiyaa bakkeewwan gara garaa qubachiisuun eegalame

Shira mootummaan wayyaanee xaxeen lammiileen kuma dhibba 5 dhalattoonni oromoo naannoo sumaalee jiraachaa turan kuma dhibba lamaaf kuma afurtamii shan ta’an qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafamuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Lammiilee buqqa’an kana Deebisanii dhaabuufis magaalota oromiyaa 11 keessatti qubsiisuuf manneen jireenyaa kuma kudha lama hirmaannaa uummataatiin hojjetamaa jiraachuun beekamee jira. Magaalota kanneen keessaa tokko bulchiinsa magaalaa duukam yoo ta’u, ...

Read More »

Mormiin Uggura Boba’aa Torbeef labsame guutuu biyyatti itti fufaa jira.

Ajjeechaa gara jabeenyaa loltoota Agaazii woyyaaneetiin Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru ofirraa qolachuu fi sochii loltoota Agaazii dadhabsiisuuf qeerroon Oromoo tooftaa fi tarsiimoo gara garaatti fayyadamuun qabsoo isaa gaggeessaa tureera. Haaluma kanaan, Uggurri boba’aa akka lakkoofsa Itoophiyaatti Bitootessa 4 irraa hanga bitootessa 11 bara 2010 guutuu biyyatti keessattu guutuu Oromiyaa tti labsame guyyaa Kibxata ar’aa irraa eegalee hujitti hiikamee jira. ...

Read More »

Lagannaa gabaa yeroo dabre oromiyaa keessatti geggeeffameen wal qabatee namoota hidhuufi dararuun itti fufe.

Godina harargee lixaa magaalaa dalloo keessatti miseensa poolisii oromiyaa kan ta’e dargaggoo oromoo tokko irratti rasaasa dhukaasuun ajjeechaa raawwate . Du’a dargaggoo kanaatiin wal qabatee anaan habroo dallansuu cimaa keessa jiraachuun beekame. Raayyaan ittisa wayyaanee magaalee harargee lixaa hedduu keessa naanna’uun hawaasa doorsisaa akka jiranis himamaa jira. sababni waraanni wayyaanee magaalaa keessa bittinneeyfamaniif bitootessa 12 bara 2018 miseensi poolisii naannoo ...

Read More »