Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) karoora warraaqasa dimokraasii jabeesuun filannoo duraa akka tahe ibsan.

Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) wal-ga’ii guyyoota 8 geggeesaniin haala hooggansa dhaabbatichaa fii dhaabbilee biyyaalessaa giddutti hidhaa cimaa uumame jechuun wal-ga’ii mana mare Adda Demokraasummaa Warraaqasa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) guyyaa har’a eegalaniiru.
Koreen Hoji-raawwachiistuu Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) wal-ga’ii guyyoota 8 geggeesaniin karoora warraaqsa dimokraasummaa jajjabeessuun filaanoo dursaa ijaa taheef hoogganooni fii miseensonni Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) karoora kana irratti hundaawuun qabsaawuu akka qaban hubachiisaniiru.
Koreen Hoji-raawwachiistuu Adda Dimookraasummaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) wal-ga’ii Bitootessa 2 irraa hanga Bitootessa 10 geggeesaniin dhaabbiileen haala qabatamaa warraaqsa dimokraasummaa akka hordofan gochuun gamaaggama dhaabbiilee gadi fageenyaan gamaaggamuu isaanii ibsaniiru.
Gabaasaalee dhaabbiilee arfan miseensota ADWUI gamaaggamuun hojiilee sochii jijjiiramaa eegalaman maalirra akka ga’aniis haala cimaa taheen gamaaggamuu ibsuun rakkoo amma bulchinsa keessatti mul’ataa jiru hiikuuf waliigalteerra gahuu hubachiisaniiru.
Wal-gahi tana irratti gamaaggama geggeessaniin dhaabbiileen arfanuu rakkoolee adeemsa keessatti bulchinsa naannoo keessatti isaan mudatee daddafanii akka sireeffatan akeekuu isaanii ibsaniiru.
Manni mare ADWUI walga’ii har’a eeagaluun gabaasaa gamaggamaa dhaabbilee erga ilaalee booda hanqina hooggansaa dura taa’aa fii itti aanaa dura taa’aa dhaabaa nifilatan ja’ameeti eegama.
Filannoon hooggansa filachuu seera dhaabichaa irratti irkachuun qaceelfama ADWUI bu’ura godhachuun akka tahe ibsa irratti hubachiisaniiru.