Lagannaa gabaa yeroo dabre oromiyaa keessatti geggeeffameen wal qabatee namoota hidhuufi dararuun itti fufe.

Godina harargee lixaa magaalaa dalloo keessatti miseensa poolisii oromiyaa kan ta’e dargaggoo oromoo tokko irratti rasaasa dhukaasuun ajjeechaa raawwate .
Du’a dargaggoo kanaatiin wal qabatee anaan habroo dallansuu cimaa keessa jiraachuun beekame.
Raayyaan ittisa wayyaanee magaalee harargee lixaa hedduu keessa naanna’uun hawaasa doorsisaa akka jiranis himamaa jira.
sababni waraanni wayyaanee magaalaa keessa bittinneeyfamaniif bitootessa 12 bara 2018 miseensi poolisii naannoo oromiyaa badii tokko malee dhalataa aanaa habroo jiraataa magaalaa daaloo rasaasaan eega rukutee booda ta’uun beekamee jira.
Jiraattonni naannoo dargaggoo rasaasaan rukutame kana hospitaala galamsoo geeysanii wal’aansa osoo argachaa jiruu lubbuun isaa dabartee jirti.
Doorsisaaf hawaasa nagaa hiraarsuunis cimee itti fufee jira.
Sababa lagannaa gabaatiin wal qabatee godina harargee lixaa magaalaa mi’eessootti humna waraanaa wayyaaneetiin dargaggoota magaalattii irratti dararaan geggeeffamaa jiru itti fufee jira.
Magaalata oromiyaa gara garaa keessatti namoota hedduu hidhaa akka jiran odeeffannoon jiraattota oromiyaa iddoo garagaraa irraa arganne ni mul’sa.
Sababa mormii lagannaa gabaatiin wal qabatee godina harargee lixaa magaalaa mi’eessootti humni waraanaa wayyaanee magaalota biyyattii irraatti dararaa geggeessaa jiran irraa ka’uun dargaggoonni hedduun magaalattii gadhiisanii baqachaa jaraachuun beekame.

Duulli dargaggoota magaalaalee keessaaa qabanii hidhuun kun mormii lagannaa gabaa torbee dabreetiin kan wal qabate ta’uu fi labsii yeroo muddamaa sababeeyfachuun ilmaan oromoo hedduu hidhuufi reebuu itti fufanii jiru.

Kanumaan wal qabatee Waraanni mooraa magaalaa dhangaggoofii naannoo hammarreeysaa qubatanii jiran barattoota yuuniversitii harammayyaa qormaata xumuruudhaan gara maatii isaaniitti deebi’an hidhaa jiru.
Akkasumas Barattoonni kunniin battala humna waraanaan qabamanitti bilbilli isaanii harkaa akka fuudhame adda baafamee jira.