Kaadhimamaan Filannoo Pirezedantummaa Keeniyaa Raaylaa Odiingaa filannoo Pirezedantummaa biyyaatti irratti akka hin hirmaane beeksisaan

Hogganaan paartii mormituu fi Kaadhimamaan filannoo Pirezedantummaa Keeniyaa Raaylaa Oodiigaa filannoo preezdaantummaa biyyattii keessaa ba’uuf akka murteessan beeksisan. . Boordiin Filannoo Biyyaatti yeroo argatee jijjirama adda adda hojiirra oolchun filannoo haqa qabeessa akka filachiisuuf kaadhamummaa Filaannoo Pirezedantummaa biyyaatti keessa akka bahan himaniiru. Filannoo Pirezedantummaa kanan dura tasifameen Pirezedaant Uhuuruu Keenyattaa injifachuusaanii Komishiniin Filannoo Biyyaatti beeksisuun ni yaadatama. Yaa ta’u malee, ...

Read More »

Deeggarsi Lammiilee Oromoo Naannoo Sumaaleerra Buqqa’aniif Taasifamu Itti Fufeera.

Sababa Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee lammiileen Oromoo kuma hedduu naannoo Sumaalee jiraata turan qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aniiru. Lammiileen kunniin qabeenya waggoota hedduu horatanii fi mana o’aa maatii isaanii wajjiin jiraacha turan keessaa badii tokko malee hidhatootaa naannoo sumaaleen akka buqqa’an hin beekamaa. Lammiileen Oromoo biyyaa keessaa fi biyyoota alaa jiraatan yemmoo lammiwan isaanii naannoo ...

Read More »

Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateete haala gaariin kabajuf Qophiin Haalduree Xumurameera.

Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee ayyaana Irreecha ummanni Oromoo baay’inaan bakka tokkootti walitti dhufee kabaju keessa Irreecha hora Arsadii magaala Bishooftuutti kabajamutti aanee kan kabajamuu dha. Ayyaanni Irreechaa Malkaa Ateetee kun naannoo magaala Burraayyuutti Fulbaana 28 bara 2010 gaafa dilbataa akka Irreeffatamu himameera. Ayyaaniichi akkaata aadaa Oromoo mul’isuu fi haala miidhaagadhan nagaa kabajamee akka xumuramuuf Abbootin Gadaa, jaarsooliin Biyyaa fi Bulchiinsi ...

Read More »

Daldaltoonni Jimaa ykn caatii Baha Oromiyaa miidhaa hidhatoonii naannoo Sumaalee daldalatoota Jimaa Oromiyaa irran gahan mormun torbee tokkoof daldala Jimaa dhaabuuf akka murtesan himamera.

Weerara hidhatoonii naannoo Sumaalee gandoota daangaa Oromiyaa irratti gootee wajjiin walqabatee daldali jimaa rakkoo keessa akka jiru waan ibsamee yoo ta’u, Daldaltooni Oromoo daldala Jimaaf magaala Jigjigaa fi magaloota naanniichaa biroo keessa turan baay’een isaanii wayita waldhabdeen daangaa kun sadarkaa olaanaarra gahe ture ajjeeffamuu isaanii gabasameera. Daldaltooni Oromoo baay’een biyyii nagaa jechun jimaa daldaluuf gara magaloota naannoo Sumaalee adda addaa ...

Read More »

Naannoo Oromiyaa Sirna Bulchiinsa Dargii deebisuuf yaalaa jira jechun Mootummaan Naannoo Sumaalee himate.

Bulchiinsi Mootummaa naannoo Sumaalee haala yeroo iirratti waltajii marii jaarsoolii biyyaa wajjiin magaala Jigjigaatti gaggeessen, mootummaa naannoo Oromiyaa daangaa babal’ifachuuf jecha weerara akka labse beeksiseera Sirni Federaliziimii Itoophiyaa Afaan irratti hunda’ee balaaf akka saaxilame mootummaan naannoo Sumaalee waltajjii marii jaarsoolii biyyaa booda ibsa baaseen himeera. Walitti bu’iinsi daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee mootummaan federaalaa waan gidduu seeneef tasgaba’ee jedhamuus haali ...

Read More »

Barattoonni fi Barsisoonni Oromoo Yuunivarsitii Jigjigaa miidhaan sabaarratti xiyyeeffate irratti raawwatamuu akka danda’u himan.

Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Jigjigaatti ramadamanii barnoota isaanii hordofaa turanii fi haaraa ramadan walitti bu’iinsa duulaa qondaaltonii mootummaan naannoo Sumaalee oromoo irrati bananiin walqabatee balaaf saaxilamuu akka danda’an beeksisaan. Ministeerri Barnootaa fi Mootummaan naannoo Oromiyaa haala qabatamaa yeroo amma lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee keessa jiraatan irratti raawwatamu xiyyeeffannoo keessa galchuun furmaata akka barbaadaniif gaafataniiru. Hidhattoonii mootummaa nannoo sumaalee waraqaa eenyummaa isaanii ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa fi Sudaan Maallaqaa biyyaa isaaniitti fayyadamuun wajjiin Daldaluf waliigalan

Itoophiyaa fi Sudaan maallaqa biyyaa isaaniitti fayyadamuun walitti dhufeenya daldalaa qaban itti fufisisuuf walii galaniiru. Waliigalteen daldala maallaqa biyyaa ofiitti fayyadamu kun waggoota 3f akka turu himameera. Waliigalteen Maallaqa biyya ofiitti fayyadamuu kana biyyoonni Ollaa hanqina sharafa biyyaa alaa qabanii fi ilaalcha Siyaasan walfakkatan akka wajjiin mallatteessan ogessoonni Diinagdee dubbataniiru Mootummaan Itoophiyaa rakkoo sharafa alaa qabu itti fufinsaan kan furuuf ...

Read More »

Obboo Andargaachoo Tsiggee mana hidhaatii akka gadi dhiifamaniif Mootummaan Biriteen dhiibaa gochu akka qabu gaafatame

Obboo Andargaachoo Tsigee mana hidhaatii akka gadi dhiifamaniif mootummaan Biriteen dhiibaa gochuu akka qabu Waldaleen Abukatootaa biyyaatti lama gaafatan Waldaaleen Abukatootaa kunniin Obboo Andargaachoo Tsiggee mana hidhaa waayyaannee keessaa akka gadi dhiifamanii gaafachun Ministeera Dhimma Alaa Biriteeniif xalayaa bareessuu isaanii Zaa Gaardiyaan gabaaseera. Obboo AndargaachooTsiggee hatattamaan mana hidhaatii akka gadi dhiigfamaniif mootummaan xiyyeeffannaan adda kenneef hojjachuu akka qabu Pirezedantiin Hawaasa ...

Read More »

Abbootiin Qabeenyaa Konkolattoota Shukkaraa fe’aanii Daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa irra dhaabbatanii jiran rakkoof saaxilamne jedhan

Mootummaan Itooophiyaa Shukkara Kuntaala kuma heddu yeroo jalqabaaf gara Keeniyaatti akka erge odeessa turuun kan yaadatamudha. Konkolattoonni 100 ol shukkaraa kuntaala kuma heddu warshaa Shukkaraa Wanjii irra fe’uun gara Keeniyaatti imala jalqaban bakka yaadan magaala Naayroobii osoo hin geenye daangaa biyyoota lamaniirra ji’oota lamaa oliif dhabbachuuf dirqamaniiru Konkolattoonni 110 ol tokkon tokkoon isaanii shukkaara kuntaala dhibba Afur fe’an rakkoo mootummaa ...

Read More »

Ayyaana Irreecha Dilbaata dhufu kabajamuu irratti Tikoonni Mootummaa, poolisiin federaalaa fi raayyan ittisaa Biyyaa akka hirmaatan Komishiniin Pooliisii Federaalaa Beeksise.

Ayyaana Irreechaa dilbaata dhufu kabajamu irratti toikoonni mootummaa, Miseensoonni Pooliisii Federaalaa fi Rayyaa Ittisa biyyaa akka hirmaatu Komishiniin Pooliisiin Federaalaa Ibsa beeksisuun Faallaa waliigaltee gumii Abbooti Gadaa Oromoo akka ta’e beekameera. Gumiin Abbooti Gadaa Oromoo ibsa baaseen, sirna kabaja Ayyaana Irreecha bara kana irratti humni meeshaa waraanaa hidhate kamuu akka hin argamne mootummaa naannoo Oromiyaa wajjiin waliigaltee irra gahamu beeksisee ...

Read More »