Byyiti Suudaan Kibbaa Marii Araaraa Itophiyaati geggeeyfamuuf saganteeffame didde.

Ministeerri dhimma beessisaa Biyya Suudaan Kibbaa Michael Makuii Lueth akka miidiyaalee biyya keessatiif ibsa kennanitti Biyyti Itoophiyaa rakkoo siyaasaa keessa ijaa jirtuuf mariin araaraa mootummaa Sudaan Kibbaafi mormitoota gidduutti Taassifamuuf deemu biyya biraatti geggeeffamuu qaba jechuun ejjennoo ishee ibsite!
Walitti bu’insa waliinii kan biyya Sudaan Kibbaa keessatti deemaa jiru ilaalchisuun yeroo gara garaatti mareen dhimma araaraa Mootummaa Sudaan Kibbaa fi mormitoota ilaallate biyya Itiyoophiyaatti geggeeffamaa kan ture yoo tahu, yeroo amma garuu mareen araaraa walitti bu’insa waliinii Biyya Sudaan Kibbaa geggeeffamuuf karoorfamee ture, biyya Itiyoophiyaa jedhamtu keessatti geggeeffamuu akka hin qabne Sudaan Kibbaa ifa taassisaniiru.
Akka dubbii himaan Sudaan Kibbaa ibsetti “biyya ofumaafuu rakkoo Siayaasaatiin unkuramaa jirtu irraa araara barbaachuun, dhimmi araaraa keenya akka nu jalaa gufatu hin feenu waan ta’eef mariin keenya biyya Itiyoophiyaan ala jiran Keeniyaa, Ugaandaa yookaa Jabuutii keessatti akka geggeeffamu murteessineerra jechuun isaanii gabaafameera. Itti dabaluun immoo biyya Soomalee, Suudan fii Suudaan Kibbaatti akka tahu hin feenu jechuun hubachiisaniiru.
Hacuuccaa fi dhiittaa mirgaa kan Mootummaan Wayyaanee lammiilee biyyattii irratti raawwachaa jirtu, biyyoonni ollaa dammaqinaan hordofaa jiraachuun himameera.
Biyyiti Ertiraa tiis mootummaan Itoophiyaa rakkoo siyaasaa isaan muddamaa jiru furmaata kennuu fii didanii rakkoolee isaanii ertiratti dhiibuun akka fudhatama tokkolee hin qabne ibsaniiru.