Hoogganaan caffee Abbootti Gadaa abbaan Gadaa Bayyanaa Sambatoo biyyattii human raayyaa ittisan bulchuun Mangistuu Haylamaariyaamiifuu akka hin tolen hubachiisan.

Hooganaan Caffee Abbootti Gadaa Abbaan Gadaa Bayyanaa Sambatoo haala yeroo ilaalchisuun ibsa gazexeessitoota biyyatiif kennanii irratti “waan Komaad Poosti ja’amu kana hin jaaladhu” jedhuun yaada ibsataniiru. Abbaan Gadaa Sambatoo ayyaana Irreechaa haala tagabbaawaa tahee geggeessuu abbootti gadaa ibsuun yo hireen kennamteef guutuu biyyattiiss akka tasgabbii waaraa uumuu dandahan hubachiisan. Hoogganaan Caffee Abbootti Gadaa “human raayyaa ittisa biyyaatiin biyya bulchuun Mangistuu ...

Read More »

ODUU SIMBIRTUU!!Barreessaan ministeera dhimma alaa Ameerikaa rex Tillerson imaltuu itoophiyaa dhaquufi ja’ama

Jilli ulfaataan barreeysaa ministeeraa dhimma alaa Ameerikaa Rex Tilerson niin hoogganamu gaafa guyyaa Roobii Bitootess 07 bara 2018 akka itoophiyaa imaluuf jiraatan gaazeexaan Addis Standarad gabaase.Imalli Mr. Tillerson kun yeroo mootummaan itoophiya haala cimaan rakkoo siyaasaa keeessa lixxe tahuu maddi oduu dame ministeera dhimma alaa irraa isaan gayuu Addis istaandarda ibsan. Ijoon marii jila haala rakkoo yeroo amma biyti itoophiyaa ...

Read More »

Godinaa Wallagga Bahaa aanaa Guutoo Giddaa Magaalaa Ukeetti lubbuun namaa wareegamte.

Sanbata Darbe hooggantoota dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoof simannaan Magaalaa Naqamteetti qophaayee ture humnoota nageenyaan erga Dhorkamee booda Naqamteetti mormii guddaan ka’ee. Wiixataa fi Kibxata jiraattonni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee daandiiwwan konkolaata cufuun hogganni KFO magaalaa Naqamtee akka hin senne ittifamuu waliin wal-qabatee dhoorkamuu sagantaa qophaayeen aarii fi dallansuu isaanii ibsaa turan. Mormii uummataa dhaabsisuuf ejjennoo humnoonni nageenyaa fudhataniin namni ...

Read More »

Lammiilee Oromoo Qe’ee fi Qabeenyaa isaaniirra Naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif deeggarsi godhamaa jiru cimee itti fufee jira.

Gargaarsi lammiilee oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra waan oromoo ta’an qofaaf naannoo sumaaleetti buqqa’aniif roga hundaan taasifamaa jiru cimee itti fufe. Haaluma kanaan,Ummatni sidamaa fi Bulchinsi Godina sidaamaa Oromoota Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa qe’eef qabeenyaa isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsaa taasisu biroon komunikeeshinii Ormia ibsan. Ummatni sidamaa fi Bulchinsi Godina sidaamaa Oromoota Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsaa Birrii ...

Read More »

Hoogganoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayii Dr. Abiyi Ahimad akka hin filatamneef bobbaa cimaa geggeesaa jiraachuun barame.

Koreen Giddugaleessaa Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoo Dr.Abiy Ahmad dura taa’aa obbo Lammaa Magarsaan immoo itti -aanaa dura taa’aa dhaabbatichaa gochun muude. Dhaabbatichi yeroo murteessaa kanatti sireeffama ramaddii hoggansaa gochu kan barbaachiseef dhaabbaticha bakka bu’uun nama ministiira muummee biyyaattiif dorgomu qopheessuuf akka ta’e gabaafame. Dr Abiyi Ahimad miseensa mana marii bakka bu’oota ummataa waan ta’aniif taayitaa ministiira muummeef dorgomuuf carraa guddaa ...

Read More »

Dhaabbata sabaahimoota biyya ijiptii irra uggurri cimaan akka godhmu abbaan aalangaa olaanaan biyya masrii hubachiiseera.

Gabaasaan Dhaabbanni mirga gaazeexeysitootaaf falamu CPJn baasee akka ibsutti, abbaan aalangaa biyyatii murtii tana fudhachuun heera biyyaa tiif akka tahe beeysisan. Yaroo filannoon biyyoolessaa adeemsifamuuf ji’a tokko qofa hafe keessatti odeeffama dharaa gabaasan jechuun sab-qunnamtiilee biyyatii ugguruuf tarkaanfiin fudhamte tun akka isaan yaaddesse CPJn gabaasaa irratti ibsan. Dhaabbanni CPJ haalli mirga namoomaa sarbamuu keessa galee jiraachuu ibsuun, erga uggurri kun ...

Read More »

Magaala Naqamteetti tarkaniiffii loltoonni Agaazii fudhataniin lubbu nama tokko darbuun namoonni 19 rra miidhaa guddaan gaheera

Jilli Kongirasii Federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa hogganamu simaannaa jirattoota magaala Shawaa lixaa fi magaaloota Godinaalee Wallaggaan taasifamuuf irratti argamuuf labsiin yeroo hatattamaa osoo hin labsamnee dura sagantaa qabateera Akkatadhuma sagantaa qabameen jilli hoggantoota Kongirasii Federaliistii Oromoo jirattoota godina shawaa Lixaan erga simatame booda gara magaala Naqamteetti imaleera. Magaala Naqamtee gahuuf kiilo meetiri muraasni wayita hafu magaala Guuteetti loltoonni Agaazii ...

Read More »

Walgahiin mana marii Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa walgahiin torbee kana keessa taa’uuf waame sababa hin beekamneen torbe dhufutti darbeera

Manni marii Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa miseenoota paartiilee arfaniirra walitti bahan 180 qaba Paartiileen arfan Addicha hundeessaan mata mataan mana marichaa keessa bakka bu’oota 45 qabu Koreen hojii raawwachistuu addichaa gurraan dhala 22 bara 2010 walgahii taa’uun dura taa’aa addichaa ni filata jedhame eegama tureera Dura taa’aan Adda dimokirasummaa waarraqsa ummatoota Itoophiyaa koree hojii raawwachistuun filatamu mana marii bakka ...

Read More »

Lammiilee Oromoo Qe’ee fi Qabeenyaa isaaniirra Naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif deeggarsi Birrii Biiliyoona tokko ol walitti qabamun himameera

Gargaarsi maallaqaa fi akaakuu lammiilee oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra waan oromoo ta’an qofaaf naannoo sumaaleetti buqqa’aniif taasifamu cimee itti fiufeera Haaluma kanan deeggarsi maallaqaa birriin biiliyoona tokkoo fi miiliyoonni 100 fi miiliyoonni torbaa ol walitti qabamuusa Biiron Dhimmoota Koominikeeshinii mootummaa Oromiyaa beeksiseera Deeggarsi maallaqa lammiilee Oromoo shira tikoonni mootummaa xaxanii fi jeneraloonni waayyaannee qindeessaniin naannoo sumaaleerra buqqa’aniif birriin biiliyoona ...

Read More »

Labsiin yeroo hatattamaa erga labsamee booda mormii ummataa waan itti fufeef loltoonni tarkaniiffii barbaachiisa akka fiudhatan ajajamusaanii Koreen Komaand Poostii beeksise

Naannoo Oromiyaa Magaala Naqamtee fi Dambidoollootti guyyoota lamanii fi sadeen darbaan haali uumame labsii yeroo hatattamaa kan diiguu akka ta’e koreen Komaad poostii ibsa baaseen himeera Magaaloota laman kanniin keessatti boombiin harkaa darbatamuusa ibsi koree Komaand Poostii kun mul’iseera Loltoonni mootummaa lubbu namaa akka hin dabareef of eeggannoo gochuun ofii isaaniif akka miidhaman ibsi koree komaand poostii jeneraloota waayyaannee beeksiseera ...

Read More »