Oromiyaa Godina Booranaa magaalaa Moyyaalee keessatti Bitootessa 10 bara 2018 namoonni 10 raayyaa ittisaa motummaatiin ajjeefamuu fi kanneen biroon 11 madaa’uu aangawonni mootummaa ibsanii jiru.

Haleellaa raayyaan ittisa biyyaa guyyaa Sanbataa ‘ragaa dogoggooraatiin’ jedhee jiraattoota magaalaa Moyaalee irratti baneen namoonni 10 ajjeefamuu, kanneen 11 ta’an ammoo madaa’uufi jiraattoonni kumaatamaan lakkaa’amanis daangaa qaxxaamuruun gara Keeniyaatti ce’anii jiraachuun beekame. Kantiibaan Magaalaa Mooyyaalee Obbo Aschaalo Yohaannis, jiraattoonni naannoo keessattuu lafa Shawaa Barrii fi duwwaa tokko irraa baqachuun gara Keeniyaatti ce’uusaanii BBC’tti himaniiru. Bulchaan Aanaa Obbo Bagajaa Mooyaalee gama ...

Read More »

Wal-ga’iin koree hujii raawwaciiftuu ADWUI haala cimaa taheen geggeefamuu ittu fefeera.

Walgaiin Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa dilbata darbe irraa eegalanii marii cimtuu mormaa baayyee ammatte jalqaban. Marii irratti mormiin cimtuun akka jirtu dhagahameera. Wal-ga’ii tana irratti bakka dura taa’aan fedhii isaaniitiin taayitaa gadhiisan bakka Obboo Haaylamaariyaam Dassaalany dura taa’aa addichaa filuuf ture yeroo hin baraminiif akka dheeratu yaadni dhiyaachaaa jiraachuun dhagahame. Dr. Abiyi Ahimad kan lammiilee biyyaa fii biyyoota ...

Read More »

Rakkoo tiraafikaa tiin wal-qabatee Atoobisa tokko keessati lubbuun namoota 38 ajjeefamaniiru.

Balaan atoobisaa lubbuu namoota 38 galaafatte kun godinaa Walloo kibaa Aanaa Lagaamboo bakka Gannat Salaam Bar jedhamutti aka tahe barameera. Balaa tanaan lubbuun namoota 38 ajjeefamuun namootni 10 madaan hamtuun irra gahuun hoospitaala Dasee keessatti waldhaanamaa jiraachuun himameera. Atoobisni namoota 48 fe’ee deemu Aanaa Lagaamboo ganada Gannatee Salaam bara jedhamutti lafa gadoo meetira 5 utaalee seenuun akka ummata galaafate beekameera. ...

Read More »

Daawwannaa dippilomaasiif gara Afriikaa kan deeman Ministeerri Haajaa alaa Ameerikaa Reeksi Tiilarsan haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruun wal walqabatee labsiin yeroo muddamaa Ameerikaa kan yaaddesse ta’uu ibsachuushee dubbatan.

Ministeerri dhimma Alaa Ameerikaa Reeksi Tilarsan biyyoota Afrikaa shan (Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Jibuutii, Chaadii fi Naayijeeriyaa) daawwachuuf kan karoorfatan yoo tahu, guyyaa kaleessaa jechuun akka laakkoofsa Itiyoophiyaa guraandhala magaalaa finfinnee akka seenan ni yaadatama. Ministeerri dhimma alaa Reeksi Tilarsan turtii Itoyoophiyaa keessatti taassisuuf deeman keessatti dhimma ministeera muumichaa haaraa filamu irratti bulchiinsi itti aanu maal fakkaachuu akka qabu irratti marii geggeessuuf ...

Read More »

Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun gareen Komand poostii hoogantoota OPDO fii poolisii Oromiyaa hidhuu itti fufan.

Murtee manni maree bakka bu’oota uummataa Jimaata darbe bifa wal falmisiisaa ta’een Labsii yeroo muddamaa hojiirra oolche irraa kan ka’een lagannaan gabaa guutuu Oromiyaa keessatti guyyoota sadihiif bifa qindaawaa taheen taasifameeti ture. Sababaa laggannaa gaaatiin hujiiwwan mootummaa, baakiileen, daldalli fi tajaajilli geejibaa guutuu Oromiyaa addaan cite oleera. Uummanni manneen daldalaa akka banuuf dirqisiisuun akkasumas akeekkachiisa kennuun gareen komaand Poostii ummata ...

Read More »

Barsiissan Yunivarsitiiy Amboo Kan Toora Miidiya Gubbat Qeeqa jabaa Mootummaa irrat bareessun beekamu ( Blooger ) Siyyum Tashoomaa ganamma Guyyaa hardhaa Komaandi Postin Fudhatamee hidhamuun himame.

Manni jireenya Siyyum Tashoomaa raayyaa ittisa biyyaa baayyeen marfamee sakateeffamuun qabiyyee isaa heduu mana keessaa fudhaamuun himame. Waahilli Barsiisaa Siyyum Tashoomaa akka ISATif himanitti mormii lagannaa gabaa magaala Walisoo gegeeffamteen wal-qabatee waraanni Agaazii dargaggoo hedduu hidhaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Akka jiraattonni ibsanitti Siyyum Tashoomaa konkolaataa gubbaatti fe’anii fuudhuu malee bakka isaan geessan akka hin beekin himuun, mootummaan bakka barsiisaa Siyyum ...

Read More »

Biyya Seraaliyoonitti filannoon prezedaantummaa geggeeffamaa jira.

Lammiin Saraaliyoon presedaantii biyyaa haarawa filachuuf sagalee kennachaa jiraachuun himame. Presedaantiin haarawni filamuuf jiraatu biyyattii rakkoo deenagdee keessaa baasuff hujii guddootu isaan eeggaata jedhameera. Presedaantin Irnast Baay kooromaa kan woggoota shaniif angoo biyyaa irra turan akka heera biyyaatti akka dorgommii filannoof dhihaachuu hin dandeenye Gaazexaan Faransaawii Firaans 24 gabaaseera. Bakka isaanii paartii biyya bulchaa jirtu Ool Piyuupiilin jedhamtu bakka bu’uun ...

Read More »

LABSIIN YEROO MUDDAMAA RAGGAASSIFAMUU IRRAA KAN KA’E LAGANNAAN GABAA GUUTUU OROMIYAA KEESSATTI ITTI FUFE.

Sababa lagannaa gabaatiin tajaajilli geejjibni magaalaa Finfinnee addaan cite jiraachuun beekamee jira. Jiraattonni magaalota naannawaa Finfinnee kan akka Buraayyuu, Laga Xaafoo fi Sabbataa , taajaajjilli geejjibaas ta’e daldalli guutummaan guutuutti akka hin jirre beeksisaniiru. Mormiin lagannaa gabaa Labsiin yeroo muddamaa hojiirra ooluu balaaleffachuuf guyyoota sadiif guutuu Oromiyaa keessatti waamame addaan cituu tajaajila geejjibaafi daldalaaf sababa ta’eera. Murtiin manni maree bakka ...

Read More »

Labsii yeroo muddamaa labsame ilaalchisuun paartiin kongrasii federaalistii oromoo ibsa baase

Ibsi kongrasiin federaalistii oromoo baase kun akka ibsutti labsiin yeroo muddamaa labsame rakkoo biyyattii kan hiiku osoo hin taane balaa hamaarra kan buusu ta’uu hubachiisuun labsiin kun akka haqamu akeekkachiisee jira. Akka ibsa kanaatti labsii yeroo muddamaa mana maree bakka bu’oota uummataatiin adeemsi itti irra ga’e gaddisiisaa ta’uusaati. Akka heera mootummaatti miseensota mana maree 547 keessaa labsiin kun sagalee caalmaa ...

Read More »

Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa Reeksi Tiilarsan daawwanaa Afrikaa irratti guyyaa har’a yunivarsitii George Mason ti haala daawwannaa isaaniif ibsa kennan.

Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa imala Ethiopiaa fi biyyoota Afrikaatti geggeessuf deemani irratti michooma Ameerikaan biyyoota Afrikaa wajjiin qabdu irratti ibsa gazeexeessitootaaf guyyaa har’aa Yunivarsitii George Mason ti godhaniiru. Ibsa isaanii irratti Afrikaa keessatti haala kabajamuu mirgoota dhala namaa, guddina adeemsa dimokraasii fii sirna bulchinsa gaarii jiraachuun hunda caalaa barbaachisaa akka tahe hubachiisaniiru. Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa Reeksi Tiilarsan waa’ee mormii ...

Read More »