Lammiilee oromoo shira mootummaa Itiyoophiyaaf mootummaa somaaleen xaxameen naannoo sumaaleetii buqqa’an magaalaa shaashamannee akka qubsiifaman beekame.

Dhalattoonni oromoo naannoo sumaalee jiraachaa turan kuma hedduutti tilmaamaman qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafamuun waan yaadatamuudha.

Jiraattonni magaalaa shashamannee mootummaa naannoo oromiyaa waliin ta’uun manneen jireenyaa ijaaruun namoota buqqa’an kana deebisanii dhaabuuf haala ho’aan simatanii jiru.

Kantiibaan magaalaa shaashamannee aadde xayyibaa hasan simannaa buqqaatota kanaa irratti haasaa taassisaniin namoonni buqqa’an kun hanga isaan miidhaa isaan irra ga’e kanarraa dandamatanitti, hamileen isaanii deebi’ee hanga ijaaramutti gargaarsi barbaachisu godhamuufii akka qabu dubbachuun manni ijaaramaa jiru kun mana osoo hin taane seenaatu ijaaramaa jira jechuun hamilee gaddaan guuteen waa’ee buqqaatota kanaa irratti ibsa kennanii jiru.

Itti dabaluunis namoota buqqa’an deebisanii dhaabuufi seenaa kana keessaa qooda akka qabaataniif ammallee gargaarsi walirraa hin cinne godhamuu akka qabu kantiibaan magaalaa shaashamannee aadde xayyibaa hasan waamicha dhiyeessaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun yeroo darbe uummanni guraagee birrii miiliyoona 50 ol walitti qabuun lammiilee qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniif gumaacha akka taassisan ni yaadatama.
Lammiilee buqqa’an kana Deebisanii dhaabuuf magaalota oromiyaa bakkeewwan gara garaa keessatti manneen jireenyaa hirmaannaa uummataatiin hojjetamaa jiraachuun beekamee jira.

Deggersi uummanni oromoo lammiilee qabeenyaa fi qe’ee isaaniirraa buqqifamaniif taassisaa jiru ammas cimee itti fufee jira.