Kongrasiin federaalistii oromoo labsii yeroo muddamaa ilaalchisuun yeroo lammaffaaf ibsa baasan

Ibsi paartii kongrasii federaalistii oromoo irraa kenname akka mul’isutti mootummaan addawai labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun uummata biyyattii ittiin miidhaa jiru hatattamaan kaasuu akka qabu beeksise.

Labsiin yeroo muddamaa rakkoo babal’isuu malee furmaata fidaa akka hin jirre kan eere ibsi kun mootummaan biyyattii bulchaa jiru paartii mormituu haqaan socho’aa jiruu wajjin walii galuun nagaa buusuu akka qabu beeksise.

Biyya Itiyoophiyaatti mootummoonni wal duraa duubaan gara taayitaatti dhufan hundi sirna jijjiirama dimokraasii humnaan ukkaamsuun faayidaa isaanii qofa mirkaneeffachuun miidhaafi kufaatii jabaa qaqqabsiisuu isaa seenaan galmeessee jira.

Mootummaan addawaawii waggoottan 27’n darban keessatti irra deddeebi’uudhaan heera mootummaa cabsuu, malaanmmalatummaan akka babal’atu taassisuu jijjiirama sirna diimokraasii dhufuu malaniif balbala cufuusaa amanuun uummata dhiifama gaafachaa karaa biroon ammoo amala barate irraa fooyya’uu dhadhabuun uummattoota biyyattii irratti miidhaa qaqqabsiisuu irratti argama.
Paartiin kongrasii federaalistii oromoo rakkoolee mootummaan addawaawii raawwachaa jiru furuuf falli isaa waliin taa’anii mari’achuu fi waliin dubbachuu malee humnatti fayyadamuun furmaata akka hin taane irra deddeebi’uun ibsaa turan.

Mootummaan garuu yaadaa fi gaaffilee kana fudhachuu dhiisuun humna qabutti fayyadamuu itti fufee jira.
Uummatni oromoo kuma dhibba torbaa ol biyyattii keessa naanna’uun mirga jiraachuu kan eyyameef heerri mootummaa cabuun bulchiinsa naannoo sumaalee irraa akka buqqifaman taassifameera.
Qaamota namoota kana buqqisan irratti hanga ammaa tarkaanfiin fudhatame hin jiru.
Yeroo dhihoo kanattis harargree bahaafi dhihaa akkasumas calanqoo awwadaayi hammarreessaafi iddoo adda addaaatti lammiilee nagaa hedduun ajjeefamaniiru.
magaalaa moyyaalee wallagga bahaa, wallagga lixaa qellem wallaggaafi shawaa bahaattis haala gaddisiisaan lubbuun lammiilee nagaa darbeera.
Ibsi Kanaan dura paartiin kongrasii federaalistii oromoo baase akka mullisutti furmaanni rakkoo kanaa paartilee mormituu waliin karaa haqaatiin waliin mari’achuufi waliin dubbachuu qofa akka ta’e, yoo kun taassifame qofas nageenyi biyyattii mirkanaa’uu akka danda’u gabaasuun keenya ni yaadatama.
Kanaaf mootummaan Itiyoophiyaa biyyattii keessatti nagaa buusuu yoo barbaade 1ffaa ajjeechaafi hidhaa uummattoota uummattootaan wal dhabsiisuu hatattamaan akka dhaabbatu taassisuu 2ffaa hidhamtootni siyaasaa hatattamaan gadi lakkifamuu 3ffaa waltajjiin marii hirmaachisu banamuun rakkoolee biyyattii bifa itti fufiinsa qabuun furmaata akka itti barbaadamu paartiin kongrasii federaalistii oromoo irra deebi’uun hubachiisaniiru.