Lammiilee oromoo shira wayyaaneefi bulchiinsa mootummaa naannoo sumaaleetiin buqqa’an magaalota oromiyaa bakkeewwan gara garaa qubachiisuun eegalame

Shira mootummaan wayyaanee xaxeen lammiileen kuma dhibba 5 dhalattoonni oromoo naannoo sumaalee jiraachaa turan kuma dhibba lamaaf kuma afurtamii shan ta’an qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafamuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Lammiilee buqqa’an kana Deebisanii dhaabuufis magaalota oromiyaa 11 keessatti qubsiisuuf manneen jireenyaa kuma kudha lama hirmaannaa uummataatiin hojjetamaa jiraachuun beekamee jira.

Magaalota kanneen keessaa tokko bulchiinsa magaalaa duukam yoo ta’u, manneen jireenyaa 1008 ijaaruun marsaa jalqabaa manneen 404tti abbootii warraa 404 maatii isaanii waliin walumatti namoota kuma lamaaf afurtama magaalattiin simattee jirti.

Akkasuma Jiraattonni magaalaa sabbataas abbootii warraa 68 mana isaaniif ijaarametti akka galchan hubatameera.

Haaluma wal fakkaatuun magaalaa adaamaattis abbootii warraa 474 maatii 2369 kan qaban dhaabbiidhaan qubachiisuun akka danda’ame maddeen oduu gara garaa gabaasaa jiru .
Deggersi uummanni oromoo lammiilee shira wayyaaneetiin bulchiinsa naannoo sumaaleetiin qabeenyaafi qe’eerraa buqqifamaniif taassisaa jiru keessaafi alaa itti fufee akka jiru ni beekama.
Lammiiwwan shira wayyaaneetiin buqqa’an kanneen bakka yeroof keessa qubachiifaman irraa gara dhaabbiidhaan qubachiisuuf hojiin hojjetamaa jiru jalqabbii gaarii ta’een itti deemamaa jiraachuun barameera.

Haaluma Kanaan magaalaa adaamaa iddoowwan manneen jireenyaa lammiilee kanniiniif itti ijaaramaa jiran hammi tokko waan xumurameef lammiilee oromoo buqqa’eefi qabeenya irraa buqqifaman keessa qubsiisuun jalqabame.

Hojiileen lammiilee oromoo dhaabbiidhaan qubsiisuuf hojjetamaa jiran hatattamaan gara goolabaatti fidamanii lammiilee haala ulfaataa keessa jiran dandamachiisuuf ciminaan hojiitti deemamuu qaba jechuun jiraattonni yaada isaanii ibsatanii jiru .

Magaalaa adaaamaatti deggersa uummanni oromoo lammiilee isaatiif taassisaa jiru manneen jireenyaa 2000 ijaaruuf kan karoorfame yemmuu ta’u kana keessaa 913 ijaarsi isaa xumuramee gara kaayyoo ijaarameefiitti dhufaa jiraachuun beekameera.