Hogganaan kominikeeshinii biiroo Haqaa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’a ajjeechaa Mooyyaleetti humnoonni waraanaa lammiilee nagaa irratti raawwatan irratti miidiyaalee ala jiranif waan dubbataniif hidhaman.

Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, godinaa Booranaa, magaalaa Moyyaalee keessatti, haleellaa Sanbata darbe , raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin raaw’atamee namoota kudhan ajjeesee fi kudha-tokko madeesse ilaalchisee, Sekireteeraayitii Komaand Poostiin Labsii Yeroo Muddmaa Itiyoophiyaa, “odeeffannoo dogoggoraa irraa ka’uudhaan, gochaa dogoggoraa murni raayyaa ittisaa loltoota shan qabu raaw’ate” jedhuudhaan, akka loltoonni sun to’annaa jala jiran dubbachuun isaa kan yaadatamudha.
Haaluma kana ilaachisuun,hogganaan kominikeeshinii biiroo Oromiyaa obboo Taayyee Danda’a ibsa midiyaalee alaa VOA fi Dooche Veeleef ibsa kennaniiti turan. Obboo Taayyee Danda’a ibsa isaanii irratti kominikeeshiina Biiroo Haqaa Oromiyaa ibsa Sekireteeraayitii Komand Postii gocha dogoggoraa jechuun kennan akka hin fudhane miidiyaaleef ibsaniiru.
Ibsa isaanii irratti Taayyee Danda’aa biiroon isaanii ajjeechaan Mooyaaleetti raawwatamte ta’e jedhamee qindaawee kan raawwatame malee dogogoraan akka hin taanetti kan ilaalan ta’uu isaanii, Sagalee Raadiyoo Ameerikaa fi Dooche Veele’tti dubbataniiru.
Sababii kanaan, guyyaa Kamiisa har’a ganama magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee naannawa mana jireenya isaanii bakka Addisuu Gabayaa jedhamuuti Obboo Taayyeen isaanii gara hujii deemaa jiruu poolisoota federaalaa hidhataniin to’annaa jala oolaniiru. Haati warraa isaanii addee Sintaayyoo Alamaayyoonis hidhamuu isaanii dhagahuu BBCn gabaaseera. Aaddee Sintaayyoon akka BBC himanitti,Qabamuu isaa dhagahuu malee ammaaf eessa akka geeffame wanti beekame akka hin jirre ibsaniiru.

Bulchinsa Oromiyaa keessaa hooggantoota garee Komaand Poostii tiin hanga ammaa hidhaman keessaa Obboo Taayyee Danda’a hogganaa ol’aanaadha. Torbee darbe ajajaan kora Bittineessaa oromiyaa Komandar Iyyaasuu jedhamu akkuma ummata baqatee buufata Hammarreessa jiru laluudhaaf dhaqeen Agaaziidhaan qabamee godinaa haragee bahaatti hidhaa jiran.

Haaluma kanaan, aangawoota bulchinsa Oromiyaa sadarkaa adda addaa fii ajajoota poolisii Oromiyaa dabalatee ajajaan poolisii Godina Wallaggaa Bahaa Komaandar Caalaa Tasammaa ,ajajaan poolisii Godina Iluu Abbaa Booraa, komaandar Nagaraa Dhufeeraa ,kantiibaan Naqamtee Kabaa Hundee, fii bulchaan Godinaa Haragee Bahaa Obboo Jamaal Aammadee garee Komand Poostiin hidhamanii jiru.
Obbo Taayyee Danda’a kanaan duras yeroo yunivarsitii Finfinnee tti baromsa heeraa bara sadaffaa barachaa turani irraa jalqabanii yeroo gara garaatti bara dheeraaf hidhamaa turaniiru.