Mormiin Uggura Boba’aa Torbeef labsame guyyaa sadaffaaf guutuu biyyatti itti fufeera.

Labsa Yeroo muddamaa mootummaan heeraan ala waamteen wal-qabatee ajjeechaa gara jabeenyaa loltoota Agaazii woyyaaneetiin Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru murmuuf Qeerroon labsa uggura boba’aa torbee tokkoof waamaniiru.
Uggurri boba’aa torbee tokkoof qindaawe kun konkolaatota boba’aa fe’anii biyyoota alaa irraa seenuu fi konkolaatota biyya keessattillee boba’aa fe’an akka hin sochoonee fi abbootiin qabeenyaa fi konkolaachiftoonnis ajaja kana cabsuun yoo didanii darban ta’e Qeerroon tarkaanfii irratti fudhachuuf qophii ta’uu isaa irra deddeebiin hubachiisaa tureera.
Duula lagannaa sochii boba’aa torbee tokkoof qeerroon waamame guyyaa sadaffaatiif bifa milkaayina qabuun itti fufeera.
Guyyoottan sadeen darban konkolaatonni boba’aa fe’anii fii fe’achuuf jiran moggaalee daandiwwanii irra dhabachaa jiraachuu isaanii ragaaleen mul’isaati jiru.
Konkolaatota boba’aa fe’anii biyya Suudaanii irraa kaaba Itoophiyaa seenani irrattiis rakkoon akka gahaa jiru oduun nu qaqqabeera.
Guyyaa Roobii kaleessaa konkolaataa labsa uggura boba’aa hujii irra hin oolchin tokko akkuma boba’aa fe’ee jiruun godinaa Goojjaam idoo Amaanu’eel jedhamtutti barbadaaweera.
Labsa uggura boba’aa qeerroon labsiteen wal-qabatee konkolaatonni boba’aa fe’anii biyya Jibuuti fi Sudaan irraa seenaa sochii dhaabaniiru.
Duula lagannaa sochii boba’aa torbee tokkoof waamame kanaan Finfinneefii magaalonni hedduun hanqina boba’aa tiin raafamaa jiraachuun barameera.
Duula sochii boba’aa dhaabuu kanaan buufatoonni boba’aa hedduun boba’aa dhabuun cufamuun, bufataaleen boba’aa kanneen banaa ammoo hiriirri gar malee dhiiraadha.
Duullu sochii boba’aa dhaabuu kun diinagdee biyyattii irra miidhaa geessisuu irratti qooda guddaa qaba jedhameera.
Karaa biroon,Tarkaanfii uggura boba’aa kana gufachiisuuf gareen Komaad Poosti abbootti qabeenyaa human loltootaa gahaa isiniif qopheessina jechuun sochii eegalaa waan jiraniif gochi kun haala cimaan rakkisaa ijaa taheef abbootti qabeenyaa akka ofeeggannoo taasisan qeerroon hubachiisaniiru.