Mormiin Uggura Boba’aa Torbeef labsame guutuu biyyatti itti fufaa jira.

Ajjeechaa gara jabeenyaa loltoota Agaazii woyyaaneetiin Ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru ofirraa qolachuu fi sochii loltoota Agaazii dadhabsiisuuf qeerroon Oromoo tooftaa fi tarsiimoo gara garaatti fayyadamuun qabsoo isaa gaggeessaa tureera.
Haaluma kanaan, Uggurri boba’aa akka lakkoofsa Itoophiyaatti Bitootessa 4 irraa hanga bitootessa 11 bara 2010 guutuu biyyatti keessattu guutuu Oromiyaa tti labsame guyyaa Kibxata ar’aa irraa eegalee hujitti hiikamee jira.
Uggurri boba’aa torbee tokkoof qindaawe kun konkolaatota boba’aa fe’anii biyyoota alaa irraa seenuu fi konkolaatota biyya keessattillee boba’aa fe’an akka hin sochoonee fi abbootiin qabeenyaa fi konkolaachiftoonnis ajaja kana cabsuun yoo didanii darban ta’e Qeerroon tarkaanfii irratti fudhachuuf qophii ta’uu isaa irra deddeebiin hubachiisaa tureera.
Haaluma kanaan, yeroo labsii kana dhagayaniin keessattuu hawaasni Finfinnee kaleessaa walakkeessaa guyyaa irraa eegaluun konkolattota isaanitti gaazii guuttachuudhaaf bakka raabsaa boba’atti hiriira galanii guuttachaa turaniiru.
Buufanni raabsaalee boba’aa magaalaa Finfinneee hedduun boba’aan hin jiru jechuudhaan cufanii jiraachuun beekameera.
Mormii uggura boba’aa ilaalchisuun, Abboottin qabeenyaa fii konkolaachiftoonni baayyeen hujii dhaabuudhaan konkolaatota boba’aa fe’an tarree galchanii dhaabaniiru.
Kanneen uggura kana cabsuun oliif gadi socho’aa jiran irratti Qeerroon hordoffii gochuun lakkofsa gabatee isaanii galmeeffatanii faana bu’aa jiraachuun gabaafameera.
Abbootti qabeenyaa fii konkolaachitoonni biyya Jibuutii irraa bo’baaa biyya galchan hundi galgala kaleessaa irraa jalqabanii konkolaatota isaanii akka dhaaban hubatameera.
Labsii Uggura boba’aa guyyaa jalqabaa tti rakkoo guddoo uume mootummaa rakkoo guddoo keessa akka galchee jiru himameera.
Mormii uggura boba’aa qeerroon labsite deeggaruun konkolaatonni Magaalaa Goondarii matamaa oofaman, Matamaa irraa Humaraa deeman akka hin sossoohin barameera.
Karaa biraan,Tarkaanfii uggura boba’aa kana gufachiisuuf gareen Komaad Poosti abbootti qabeenyaa human loltootaa gahaa guyyaa fii halkan dukkanaa taatuus isiniif qopheessina jechuun bobbaa eegaluun gabaafameera. Gochi kun haala cimaan rakkisaa ijaa taheef abbootti qabeenyaa akka ofeeggannoo taasisan qeerroon hubachiiseera.
Shirri badii humna tika mootummaatiin maqaa qeerroo xureessuuf qindaawee gocha badii raawwachuun akka malu oduun ESATn qaqqabeera. Keessuma magaalaa Finfinnee fii buufta boba’aa naannoo bakkee ummatni bayyinaan itti argamanitti balaan geggeeyfamuun waan maluuf ummatni off eegganoo cimaa taasisuun shira tikoota wayyaanee kana aka fashalu akka taasisan ibsameera.