Lammiileen oromoo waraana biyyattii jelaa baqachuun daangaa ce’anii gara Keeniyaatti godaanaa jiran baay’inn isaanii ammallee dabalaa jira

Ajjeechaa suukanneessaa waraanni sirna wayyaanee magaalaa moyaalee keessatti raawwateen wal qabatee lammiileen oromoo sodaa nageenyaa irraa kan ka’e, ammallee gara daangaa keeniyaatti baqataa jiru .
bulchaan itti-aanaa kaawuntii Marsabit, Kaaba Keeniyaa, Salamoon Guuboo akka ibsa BBC’f kennanitti ”Seesii, Buutiyyee, Soomarree, Dadaa Kormaa, Kukkubaa, Danbalaa Facanaa bakka jedhaman baqattoonni kun qubatanii kan jiran ta’uun beekame.
Hanga guyyaa kaleessaattis baqattoonni kuma 8 fi 200’tti tilmaamaman keeniyaa akka qubatan beekame.
Namoota baqatan keessaa kan dhukkubsachuu eegalan illee akka jiran himameera.
Sambata darbe lammiileen nagaa 10 loltoota mootummaatiin ajjeefamanii 11 erga madaa’anii booda jiraattoonni magaalaa fi baadiyyaa aanaa Mooyyalee sodaa balaan walfakkaatu nurratti raawwata jedhuun gara biyya ollaa keeniyaatti baqataa jiru

Haalli nageenya naannichaa ammallee tasgabbii kan hin arganne yoo ta’u, yeroo lammiileen oromoo magaalaa moyyaalee keessaa baqataa jiran kanatti haalli nageenya naannichaa daran hammaataa jiraachuu odooffannoon arganne ni mul’sa.
Akka jiraattonni moyyaalee weerara irratti baname kana jalaa baqatan ibsanitti haalli nageenya naannichaa ammallee tasgabbii waan hin arganneef hamma humni waraanaa yakka nurratti raawwate magaalattii keessaa buqqa’utti akka hin deebine dubbatan.
Gargaarsi gara mootummaa keeniyaa fi dhaabbata tola ooltota irraa godhamaa jirus baay’ina namootaarraa kan ka’e wal gahaa akka hin jirres beekamee jira.
Qaamonni mootummaa abbaa irree wayyaanee guyyaa kaleessaas magaalaa moyyaalee naannoo arbaroo gooroo jedhamutti daa’ima umurii 10 akka galaafatan dhaga’ame.
Dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin daa’ima waggaa kudhanii ajjeesuudhaan namoota 3 kan madeessan yeroo ta’u, namoonni madaa’an kunis maanguddoo tokkoo fi dargaggoota lama ta’uun beekameera.
Haaluma wal fakkaatuun Barattooni moyaaleedhaa baqatanii keeniyaa jiran guyyaa kaleessaa hiriira mormii geggeessuun gochaa magaalaa moyyaalee keessatti raawwate balaaleffatan.

Hiriira kana irratti barattoonni hedduun irratti kan argaman yoo ta’u badii lubbuu jiraattota moyyaalee irra humna mootummaan ga’eef mootummaa komatan.
Akkasumas mootummaa abbaa irree gocha gara jabinaa ilmaan oromoo irratti raawwataa jiru jelaa lubbuu isaanii oolfachuuf namoonni godaanan kunneen dhaadhannoolee gara garaa kanneen akka ajjeechaan mootummaa wayyaaneen uummata oromoo irratti geggeeffamaa jiru dhaabbachuu qaba, mootummaan duula duguuggaa sanyii nurratti raawwate seeratti dhihaachuu qabaa, fi kan kana fakkaatan dhageessisaa turuun beekamee jira.