Lolli Humnoota Poolisoota Addaa Bulchinsa Naannoo Somaaleetiin geggeefamaa jiru cimee itti fufaa jira.

Lolli humnoota poolisoota addaa bulchinsa naannoo Soomaleetiin daangaa Oromiyaa cee’uun geggeeyfamaa jiru yeroo amma bifa qindoomina cimaa qabuun guyyaa jimaata hardhaa godinoota Harargee dhihaa fii bahaa keeysatti cimee itti fufee jira. Lolli Godinaa Harargee Dhihaa magalaa Mi’eesso irratti baname kallattii sadihiin yo tahu isaaniis kurfaa Saawaa, Soddomaa fii bakka Buna jedhamtu tahuu odeessi garasii bahu mirkaneesseera. Guyyaa hardhaa humni Poolisoota ...

Read More »

Pireezdaantiin Eertiraa Obbo Isaayyaas Afawarq Daawwannaa guyyoota Sadiif guyyaa borii Adooleessa 14/2018 Magaalaa Finfinnee akka seenan beekame.

Prezedaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarq afeerraa Mumichi Ministeeraa Dr.Abiy Ahimed isaaniif taassisaniin Daawwii hojiitiif gara Itiyoophiyaa imalu. Daawwii kanaanis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf akka ta’e gabaafameera. Jilli Mootummaa Eertiraa Prezedaantii Isaayyaas Afawoorqiin durfamu qondaalota Mootummaa Ityoophiyaa wajjin hariiroo biyyoota lamaanii irratti ni mari’atus jedhamee eegama. Jilli Mootummaa Eertiraa turtii isaanii Itiyoophiyaa keessatti gara Magaalaa Hawaasaa imaluun Paarkii indaastirii Hawaasaa akka daawwatan ...

Read More »

Peresedaant Dr. Mulaatuun Tashoomaa Obboo Dirribaa Kumaa fii Obboo Shifarraaw Shugguxee dabalatee namoota 8f muudama Ambaasaaddarummaa kennan.

Akka odeeffannoon sab-qunnamtii hawaasa ibsitutti namootni saddeettan biyyoota akkamiitti Ambaasaaddarummaan muudamuun isaanii ifa ta’uu dhiisuus guyyaa hardhaa muudama Ambaasaaddarummaa guutuu argataniiru. Obboo Shifarraaw Shugguxee kan dhiheenya taaytaa peresedaantummaa Sochii Dimokraasummaa Ummatoota Kibba Itoophiyaa irraa kaafaman fii Ministeera qonnaa akan ta’an akkasumaas Kantiibaan magaalaa Finfinnee obboo Dirribaa Kumaa, Obboo Alamaayyoo Taganuu, Obboo Isheetuu Dasee, Obboo Azaanaaw Taaddasaa faan kanneen muudaman keessatti ...

Read More »

Abraahaam Waldamaariyaam kan muudamni janaraalummaa guutuun humna raayyaa ittisa biyyaa dhiheenya kan kennaneefii ture soorama ba’uun isaanii barame.

Janaraal Abraahaa Waldamaariyaam gaafa baatii Waxabajjii 25 bara 2010 irraa jalqabee akka soorama ba’anii jiran oduun ESAT qaqqabeera. Janaraal Araahaa Waldmaariyaam yeroo dhiiraaf ajajaa raayyaa ittisa biyyaa godinaa baha biyyaa ta’uun bulchinsa naannoo soomaalee irratti dhiibbaa guddaa geggeessaa akka turetti himameera. Janaraaltichi baha Itoophiyaa keeysatti hojii daldala Kotrobaandummaatiin horii guddaa argachuun janaraalota magaalaa Finfinnee keeysatti manneen jireenyaa qaalii jaarratan keeysaa ...

Read More »

Manni murtee biyya Igipti namoota 37 kanneen daldala qaama namaa geggeeysan jedhamuun qabaman irratti adabbii hidhaa itti murteessuun himame.

Gaazeexaan biyya Igiptii tti maxxanu akka ibsetti manni murtee magaalaa Kaayroo namoota daldala qaama namaa daldalan irratti hidhaa adabbii waggaa 7-15 irratti murteeysuu gabaasaniiru. Namoota adabbiin hidhaa sababaa daldala qaama namaatiin itti murtaa’e keeysa ogeeysonni fayyaa aakka keeysatti argaman barameera. Akka ibsa gaazeexaatti jiraattonni biyya Igiptii kanneen jiruu harka qalleeyyii jiraatan horii argachuuf jecha seeraan ala qaama isaanii akka gurguraa ...

Read More »

Andargaachaw Tsiggee dabalatee hidhamtoonni 500 oli guyyaa har’a gadhiifaman.

Obbo Andaargaachaw Tsiggee hoogganaan dhaabbata Ginboot 7 fi kan bakka hinjirreetti yakka shororkeessummaatiin himatamee buufata xayyaara biyya Yamantti qabamee waggoota afuriif hidhaarra ture guyyaa Kibxata har’a akka sa’aa biyyaatti waaree booda gadhiifamaniiru. Obbo Andaargaachaw dabalatee namoota 500 oli himannaan isaanii addaan citee dhiifamni taasifameefi akka gadi lakkifaman erga gaafa Sanbata darbee motummaadhaan ifa taasifameen booda har’a sa’aa booda gadhiifamuu isaaanii ...

Read More »

Himannaan miidiyaalee ESAT fii OMN akkasumaas Dr. Birhaanuu Naggaa fii Obboo Jaawar Mahammad adda cituun himame

Abbaan Alangee Federaalaa himannaa, miidiyaalee teessoo isaanii biyya alaa ta’ee jiru; ESAT fi OMN, akkasumaas himannaan Dr. Birhaanuu Naggaa fii Obboo Jaawar Mahammad irratti bane ture akka adda citu gaafatee jiraachuun guyyaa har’aa miidiyaalee biyyattiin gabaafameera. Obboo Birhaanuu Wandimmaagany Abbaa Alangee Federaalaatti daayreekteerri daayreektarri hordoffii yakkoota biyyaa alaa akka himannaan miidiyaa ESAt, OMN, Obboo Jawar Mahammad fii Dr. Birhaanuu Naggaa ...

Read More »

Hoogantoonni ol’aanoon Biyya Kooriyaa Kaabaa gara biyya Ameerikaa imaluun himame.

Jeneraal Kiim Yuung Chool hoogganaan Ol’aanaan biiya Kooriyaa Kaabaa biyya Ameerikaatti imaluun isaanii himameera. Hooganaan biyya Kooriyaa Kaabaa wanti biyya Ameerikaa imalaniif haala wal’ga’ii biyya isaanii fii Ameerikaa irratti mare taasisuuf akka ta’e dhaga’amee jira. Peresedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hoogganaan oli’aanaan biyya Kooriyaa Kaabaa Jeneraal Kiim Yuung Chool akka biyya Ameerikaa seenaa jiran fulla tuwiitara dhunfaa isaanii irratti guyyaa har’aa ...

Read More »

Magaala Arbaa Mincii keessatti jiraattotaafii Poolisoota federaalaa giduu rakkoon uumame.

Magaalaa Arbaa Mincii keessatti bakkeen Gurbaa jedhamu bulchinsa mootummaa durii tiin bakkee buufata waraanaa ta’uuf akka yaaddametti himama. Haata’uuti garuu, erga mootummaan Woyyaanee angoo dhunfattee booda jiraattonni karaa seeraatiin manneen jireenyaa irratti ijaarrachaa ass ga’aniiru. Jiraattonni woggoota 20n darban keessatti maatii warraa kuma 4 oli ta’an kara seeraatiin manneen jireenyaa ijaarratuun ibsaafii bishaaniis seeraan galafatnii baasii baasaa jiraachaa jiru. Bulchinsi ...

Read More »

Aaddee Azeeb Masfin haati warra Muummee Ministeera durii Mallas Zeenaawii miseensa Boordii Meeteek ta’uun muudaman.

Dhaabbanni gamtoomaa sibiilaafii Inginariingii Meeteek jedhamu kan baajeta mootummaa birrii biliyoona 10niin ijaarame dhaabbata malammaltummaan keeysatti geggeeffamu akka ta’etti qeeqamaa jira. Hoogganaan dhaaba Meeteek kan ture Jeneraal Kinfee Daanyee miseensa dhaaba bilisa baasaa Tigraay ture. Dhiheenya Jeneraal Kinfee Kidaanee fedhinnaan angoo dhiisan jechuun bakka isaanii ministeera Warshaa kan turan Dr. Baqqalaa Bulaadoo muudamaniiru. Dhaabbanni MEETEEK kun karoora hojii warshaa Sukkaaraa ...

Read More »