Komaand Poostiin Yunivarsitii Gaambeellaa seenan mormii barattotaan akka kaampii keessaa ba’an taasifaman.

Mormii nyaata lagachuu barattoonni Yunivarsitii Gaambeellaa torbee darbe taasisaniin hunmi Poolisa Federaalaa Komaand Poostiin ajajamu Yunvarsitii galuun barattoota baayyee reebanii hidhaniiru. Murmii kanaan wal-qabatee poolisoonni komaand poostiin hoogganamu reebicha baratootarra gegeessaniin miidhaan cimaan barattoota 5 iira ga’uun gara mana yaala magaalaa Jimmaa fii Mattuu geeffamaniiru. Barattoonni humni Komaand Poostii akka kaampii Yunivarsitii keessaa ba’aniff mormii cimaa guyyaa Wiixataa irra jal-qabnii ...

Read More »

Daareektarri CIA- Maayik Poompewoo presedaantii Kooriyaa Kaabaa waliin iccitiin wal’ga’uu isaanii barame.

Daareektarri CIA (Eejansii Basaasaa Ameerikaa) Maayik Poompewoo kan dheenya kana ministeera dhimma alaa biyya Ameerikaa ta’uun qaadhimamee murtee saneetaraa eeggachaa jiru biyya Kooriyaa kaabaa iccitiin gaafa jalqaba ji’a kanaa dhaquun isaanii barameera. Daareektarri CIA kan ministeera dhimma alaatiif qaadhimame magaalaa Piyoong- Yaang keessatti hoogganaa Koriyaa Kaabaa – Kiim Joong-Un waliin iccittiin walga’uu isaanii guyyaa Roobii mirkanaaweera. Presedaantiin Yuunaaytid Isteets Doonald ...

Read More »

Barattoonni Yunivarsitii Haramayaa nyaata waan dhoorkamanif mooraa keessaa bahuun himame.

Barattoonni Yunivarsitii Haramayaa barattoonni komaand Poostiin waan hidhamaniif hanga barattoonni hidhaman hiikamanitti jechuun barumsa dhaabaniiru. Barattoonni nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka dha’amu hin barbaadne lama akka gaazeexaa Addis Istaandarif himanitti hanga ammaatti barattoonni lakkoofsaan 20 ta’an garee Komaand Poostiin hidhamaniiru. Sababa barattoonni 20’ni hidhamaniin barattoonni guutuu Yunivarsitii barumsa waan dhaabaniif, nyaanni isaaniif kennamu addaan cituun barattoonni mooraa keessaa bahanii magaalaa ...

Read More »

Filannoon Magaalaa Finfinnee, Dirree Dhawaa fi guutuu biyyaatti sadarkaa gandeeniitti geggeefamu bara tokkoof akka dheereffamu manni maree federaalaa guyyaa har’aa murteesse.

Wal-ga’ii dhaabbataa manni maree guyyaa har’aa Ebla 4, bara 2010 akka lakkoofsa Itoophiyaatti geggeesseen filannoon mana maree magaalaa Finfinnee fi Dirre Dhawaa tti waggaa shanitti al tokko taassifamu bara dhufutti akka darbu taassifameera. Filannoon ji’a Eblaa keessa taassifamuun kantiibaa dabalatee bulchiinsa magaalaa Finfinnee muuduuf geggeeffamu waggaa tokkoof dheerateera. Filannoon magaalaa Finfinnee, Dirree Dhawaa fi guutuu biyyaatti sadarkaa gandeeniitti taassifamu bifuma ...

Read More »

Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun Dararaa fi hidhaan humnoota mootummaa Itiyoophiyaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufe .

Ajjeechaan hidhattootni mootummaa Itiyoophiyaa ilmaan Oromoo irrraan gahaa jiran guyya guyyaan cimee itti fufeera. Haaluma kanaan Goodina Qellam Wallaggaa aanaa sadii Canqaa ganda Koomboo jedhamu keessatti humni agaazii halkan edaa mana maanguddoo obbo Mardaasaa Yaadasaa cabsanii seenuun dhukaasa bananiin maanguddicha ajjeesuun ilma isaanii Dinqaa jedhamus rasaasa lamaan rukutuun yeroo ammaa gara Finfinneetti akka geeffame himameera.Guutuu gabaasaa Galaaneen akkanaan qindeeysite.Sagalee!! Humni ...

Read More »

Mumichi Ministeeraa haaraan Dr. Abiy Ahmed erga muudamanii daawwannaa isaanii kan yeroo lammaffaa gara magaalaa Ambootti guyyaa kaleessaa taassisan.

Hoogganoota federaalaa ol’aanoo fi kan bulchiinsa naannoo wajjin turan keessaa, Prezidaantii bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa, itti-aanaa muumicha ministaraa Obbo Demmaqee Makonnin, Ministara Dhimma-alaa, Obbo Warqineh Gabayyoo, fi aangawoota kan biroo of keessaa qaba. Wayta jilli mootummaa kunneen magaalaa Amboo seenanitti Ummanni kumaatamatti lakkaawaman gammachuu guddaadhaan simannaa hoo’aa taassisaniifii jiru. Guutuu Gabaasaa Galaatu qopheeyse. Sagalee!! Aanga’oonni magaalaa Ambootti imalan ...

Read More »

Presedaantiin biyya Sudaan Omar Al-Bashir hidhamtootni siyaasaa akka gadhiifaman ajaje.

Presedaantiin biyya Sudaan Omar Hassan Al-Bashiir hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gadhiifaman ajaja dabarsaniiru. Erga Mormiin ummataa geggeeffamee, namoonni baayyeen hidhamanii booda Presedaantiin Sudaan Omar Al-Bashiir hidhamtootni siyaasaa akka gadhiifaman ajajuu isaanii miidiyaan biyya Sunaa jedhamu gabaaseera. Hogganoonni dhaabota siyaasaa, qindeessitoonni mormii fi mormitoonni ji’a Amajjii keessa bayyinaan hidhamuun kan yaadatamuudha. Ajajni hidhamtoota siyaasaa gadhiisuu sababni taassifameef, maree sadarkaa biyyaatti dhaabota ...

Read More »

Sirni Awwaala Ayyaantuu Mohammad Shaanqoo magaalaa Qobbootti geggeeffame.

Harargee Bahaa Aanaa Dadar Magaalaa Qobboo keessatti Humnoonni Raayyaa Ittisa biyyaa Wayyaanee halkan dubartii ulfaa Ayyaantuu Mohammad Shaanqoo jedhamtu Rasaasaan Rukutanii lubbuu ishii akka galaafatan gabaafameera. Sababaa Ajjechaa suukanneessaa kanaan wal-qabatee loltuun raayyaa ittisa biyyaa Caalaa Ibraahim Bakaree jedhamu dhunfata Poolisii jala oolee jira. Ayyanttuun daldaltu jimaa yommuu taatu iddoo itti hojjatuu irraa odoo gara mana ishee galaa jirtu halkaan ...

Read More »

Wixineen Labsii “HR 128” jedhamu Itoophiyaa keeysatti mirgi namoomaa akka kabajamuu fi bulchiinsi hunda hirmaachiise akka hundeeffamu gaafatu guyyaa har’aa mana maree Amareerikaa ti dhihaate.

Wixineen Labsii “HR 128” jedhamu Itoophiyaa keeysatti mirgi namoomaa akka kabajamuu fi bulchiinsi hunda hirmaachiise akka hundeeffamu gaafatu akkasumaas Labsii Yeroo muddamaa akka kaafamu kan gaafatu. Labsi kun yo mana maree Ameerikaan darbe hoogantoonni mootummaa Itoophiyaa qabeenya isaanii uggurumaanuun akka biyya Ameerikaa hin seenne seera dhoorku ta’a. Gabaasaa Galaaneetu qopheyse. Sagalee!! Wixineen Labsii “HR 128” kun hooggantoonni siyaasaa, gaazeexeessitoonni fi ...

Read More »

Waggoota shaman darban keessa magaalaa Finfinnee keessaa maatiin kuma 12 oli qe’ee jireenyaa irraa buqqaafamuun barame.

Bulchinsi Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darbe keessa maatii kuma 12 oli akka qe’ee jireenyaa irraa godaansisan BBCn afaana Amaraffaa gabaaseera. Akka gabaasaa kanaatti jiraattonni qe’ee jireenya isaanii irraa buqqifaman horiin ga’aan waan hin kennaminiifiif jecha, manneen keesa jiraatan fii hojii dhabuun daandii irratti kufanii jiraachuun rakkoolee gabaafamaa jiruudha. Magaalaan Finfinnee akkuma bal’ataa deemuun jiruufi jireenyi Oromoo naannoshee jiraatanii balaafi gadadoof ...

Read More »