Barattoonni Yunivarsitii Haramayaa nyaata waan dhoorkamanif mooraa keessaa bahuun himame.

Barattoonni Yunivarsitii Haramayaa barattoonni komaand Poostiin waan hidhamaniif hanga barattoonni hidhaman hiikamanitti jechuun barumsa dhaabaniiru.

Barattoonni nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka dha’amu hin barbaadne lama akka gaazeexaa Addis Istaandarif himanitti hanga ammaatti barattoonni lakkoofsaan 20 ta’an garee Komaand Poostiin hidhamaniiru.

Sababa barattoonni 20’ni hidhamaniin barattoonni guutuu Yunivarsitii barumsa waan dhaabaniif, nyaanni isaaniif kennamu addaan cituun barattoonni mooraa keessaa bahanii magaalaa Haramayaa kan fageenya kiloomeeetira 5 irraa fagaattutti galaniiru.

Jiraattoonni magaalaa Haramayaa barattoota Yunivarsitii baqataniif nyaata kennaafii jirachuunis barameera.

Bulchitoonni Yunivarsitii Haramayaa humna loltootaa wajjin tahuun barattoonni akka barumsa jalqaban yokaan immoo akka mana barumsaa keessaa guutumaan guututti ari’aman doorsisuu isaanii warreen ijaan argan himan.

Guyyaa har’aa barattoonni akka barumsa jalqaban gochuuf Raayyaa Ittisaa balbala guddoo yookiin main campus kan jedhamu irratti fi naannoo ganda Booyii jedhamutti buusaniiru.
kanarraa kan ka’e hawaasa naannoo sanaa ganda keessa deemuun isintu barattoota gargaaraa jira jechuun doorsisaa fi reebaa akka jiran odeeffannoon achii arganne ni mirkaneessa
Gama biroon immoo barattoonni uleen reebamanii miidhaa hamaan irra ga’e 15 ol akka gara hoospitaala Harar geeffaman barameera.

Gaazeexaan Addis Istaandard haala ta’e qorachuuf tattaaffiin bulchitoota qunnamuuf godhan akka hin milkoofne gabaasaniiru.