Daareektarri CIA- Maayik Poompewoo presedaantii Kooriyaa Kaabaa waliin iccitiin wal’ga’uu isaanii barame.

Daareektarri CIA (Eejansii Basaasaa Ameerikaa) Maayik Poompewoo kan dheenya kana ministeera dhimma alaa biyya Ameerikaa ta’uun qaadhimamee murtee saneetaraa eeggachaa jiru biyya Kooriyaa kaabaa iccitiin gaafa jalqaba ji’a kanaa dhaquun isaanii barameera.

Daareektarri CIA kan ministeera dhimma alaatiif qaadhimame magaalaa Piyoong- Yaang keessatti hoogganaa Koriyaa Kaabaa – Kiim Joong-Un waliin iccittiin walga’uu isaanii guyyaa Roobii mirkanaaweera.

Presedaantiin Yuunaaytid Isteets Doonald Taamp “walga’ichi qajeeltoon gegeessame, hariiroon gaariin uumamee jira “ jechuun fuula Twiterii isaanii irratti barreessaniiru.

Presedaant Traamp fii – Muummichi-ministaraa Jaappaan – Shiinzoo Abees, ibsa gaazeexeessotaaf kennaniin, mariin geggeeffamuus dhiibbaan Kooriyaa Kaabaa irraa niikuleera hiiksisuu taasifamu cimee akka itti fufu himaniiru.

Pirezidantichi, Kooriyaan Kaabaafi Kibbi waraana 1950-53’tti taasifame fi amma yoonaatti biyyoota lameen wal dhabsiisee jiru irratti mari’achuun furmaata akka itti laatan hayyama kennuu isaaniis dabaluun himaniiru.

Kooriyaan Kibbaas walitti dhufeenya biyyoota lameenii fooyyessuuf hojjachaa kan jirtu yoo ta’u, pirezidantiin biyyattii Muun Jeey dhuma Eeblaa irratti Kiim Joongi waliin wal arguuf akka saganteeffatan ibsaniiru.