Sirni Awwaala Ayyaantuu Mohammad Shaanqoo magaalaa Qobbootti geggeeffame.

Harargee Bahaa Aanaa Dadar Magaalaa Qobboo keessatti Humnoonni Raayyaa Ittisa biyyaa Wayyaanee halkan dubartii ulfaa Ayyaantuu Mohammad Shaanqoo jedhamtu Rasaasaan Rukutanii lubbuu ishii akka galaafatan gabaafameera.
Sababaa Ajjechaa suukanneessaa kanaan wal-qabatee loltuun raayyaa ittisa biyyaa Caalaa Ibraahim Bakaree jedhamu dhunfata Poolisii jala oolee jira.
Ayyanttuun daldaltu jimaa yommuu taatu iddoo itti hojjatuu irraa odoo gara mana ishee galaa jirtu halkaan sa’a 7 Agaazin sadii qabanii iddoo isaan geessuu yaalan ani dubartii ulfaati jechuun yeroo diddu rasaasaan ajeesuusuun beekameera.
Aaddee Ayyaantuun haadaha intala woggaa shanii kan ulfa ji’a sadi’iiti.

Ajjeechaan Suukaneessaan Humnoota Raayyaa waayyaaneetiin Raawwatame kun Hawaasa magaalaa Qobboo dabalatee guutuu Oromiyaa fi guutuu biyyatti kan mufachiise tahuu maddeen keenya achirraa nu ibsaniiru. Guutuu Gabaasaa Galaaneetu qopheeyse!! Sagalee

Sababaa ajjeechaa suukanneesaa Agaaziin aaddee Ayyaantuu Mohammad Shaanqoo irrat raawwataniin wal-qabatee godinaa haraghee bahaa aanaa Dadar magaalaa Qobbooti ummatni mormii dhageesisaa jiru irratti guyyaa Wiixata kaleessaa Agaazin dhukaasa banuun addaan bitineesaniiru.

Magaalaa Qobbo ganda Teercooti Agaazin dargaggoo toko rasasn milara rukutanii gara hospitala Calanqootti geeffameera .
Kanumaan wal-qabatee mormii tu ka’aa sodaachuun, guyyaa hardhaa Poolisoota Oromiyaa dabalatee humni Agaazii Wayyaanee sirni awwaalaa aaddee Ayyaantuu Mohammad Shaanqoo akka hin geggeeffamne dhorkuun, dargaggoota hedduu hidhanii kan jiran yoo tahu, dargaggootni Awwaala qotaa turanis qabamuun gara Kaambii Makkalaakayaatti akka geeffaman oduun nuqaqqabeera.

Halkan Wiixataa irraa jalqabee hanga har’aa Magaalittii keessaa namoonni 100 oli ukkaamfamanii qabamuun kaambii Makkalaakayaa keessatti hiraarfamaa kan jiran yoo tahu, humni Agaazii akka uummanni gara awwaalchaa hin deemne dhorkuun, kaanis tumuun hidhaaniiru.
Yeroo ammaa kana keessatti Magaalaa Qobboo keessa humna Poolisoota Federaalaa, Makkalaakayaa fi Poolisii Oromiyaan dhuunfatamtee jiraachuu fi dargaggoonni hedduua reebichaa fi hidhaa dheessuun daggalatti galanii akka jiran himameera.

Haa ta’uu malee, haaluma rakisaa ta’e keesatti guyyaa hardhaa Magaalaa Qobboo ganda Tuchaa ti sirni awwaalcha Aaddee Ayyantuu Mohammad Shaanqoo geggeefameera.