Komaand Poostiin Yunivarsitii Gaambeellaa seenan mormii barattotaan akka kaampii keessaa ba’an taasifaman.

Mormii nyaata lagachuu barattoonni Yunivarsitii Gaambeellaa torbee darbe taasisaniin hunmi Poolisa Federaalaa Komaand Poostiin ajajamu Yunvarsitii galuun barattoota baayyee reebanii hidhaniiru.
Murmii kanaan wal-qabatee poolisoonni komaand poostiin hoogganamu reebicha baratootarra gegeessaniin miidhaan cimaan barattoota 5 iira ga’uun gara mana yaala magaalaa Jimmaa fii Mattuu geeffamaniiru.

Barattoonni humni Komaand Poostii akka kaampii Yunivarsitii keessaa ba’aniff mormii cimaa guyyaa Wiixataa irra jal-qabnii geggeesaa jiru.

Bulchinsi Yunivarsitii Gaambeellaa fii humni Komaand Poostii wal’ga’ii barattoota mari’achiisaan irratti barattoonni humni loltootaa hundi akka kaampii keessaa ba’an gaafataniiru.
Bulchinsi Yunivarsitii gaafii barattootaa cimaa ta’uu hibachuun humni loltootaa akka kaampii Yunivasitii gadi dhiisanii deeman ajaja kennaniin humni loltootaa hatattamaan mi’a isaanii walitti sassaabuun kaampii keessaa akka ba’an oduun ESAT dhaqqabeera.
Karaa biroon immoo, konkolaatonni sibiilota fe’anii bulchinsa Tigraay geessaa jiran mormii ummataan dhaabameera.
Bifuma wal-fakkaatuun, guyyaa kaleessaa godinaa Goojjaam bahaa Marxoo lamaariyaa tti jiraattonni konkolaatota sibiila riqicha irraa sassaabamee fe’anii gara Tigraay oofamaa jiran mormuun akka hin deemne dhoorganoiiru.
Jiraattonni akka ESAT if oduu himanitti, sibiila riqicha dolloome irraa walitti qabamee gara Tigraay geeffamaa akka jiru ibsuun konkolaatota akka hin sochoone halakanii guyyaa eeguun akka bulchinsa Tigraay hin dhaqne dhoorkaniiru.