Filannoon Magaalaa Finfinnee, Dirree Dhawaa fi guutuu biyyaatti sadarkaa gandeeniitti geggeefamu bara tokkoof akka dheereffamu manni maree federaalaa guyyaa har’aa murteesse.

Wal-ga’ii dhaabbataa manni maree guyyaa har’aa Ebla 4, bara 2010 akka lakkoofsa Itoophiyaatti geggeesseen filannoon mana maree magaalaa Finfinnee fi Dirre Dhawaa tti waggaa shanitti al tokko taassifamu bara dhufutti akka darbu taassifameera.
Filannoon ji’a Eblaa keessa taassifamuun kantiibaa dabalatee bulchiinsa magaalaa Finfinnee muuduuf geggeeffamu waggaa tokkoof dheerateera.

Filannoon magaalaa Finfinnee, Dirree Dhawaa fi guutuu biyyaatti sadarkaa gandeeniitti taassifamu bifuma kanaan waggaa tokkoof akka dheeratu mana mareen murtaaweera.

Filannoon woggaa tokkoof bara 2011tti haa dheereffamu malee ji’a kam keessa akka geggeefamu wanti barame hin jiru.

Baatiin Filannoon itti gegeeffamu kam jechuun gaaffii miseensonni mana maree dhiheessaniif, deebiisaa yeroo ammaa murteessuun akka hin danda’amne itti aantuun afa-yaa’ii mana maree ibsaniiru.

Aadde Shittaayee Mannaala itti aantuun afa-yaa’ii mana maree akka ibsanitti yaada filannoo kana irratti mareen qaamota baayyee hirmaachisu waan barbaachisuuf yeroo ammaa murteessuun akka hin danda’amne ibsuun dhuma irratti sagaleen murtaawuun barame.
Miseensota mana maree bakka bu’oota uummataa 547 keessaa guyyaa har’aa miseensotni 310 qofti argamuun miseensonni 230 ol marii irratti akka hin hirmaatin beekame.