Mumichi Ministeeraa haaraan Dr. Abiy Ahmed erga muudamanii daawwannaa isaanii kan yeroo lammaffaa gara magaalaa Ambootti guyyaa kaleessaa taassisan.

Hoogganoota federaalaa ol’aanoo fi kan bulchiinsa naannoo wajjin turan keessaa, Prezidaantii bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa, itti-aanaa muumicha ministaraa Obbo Demmaqee Makonnin, Ministara Dhimma-alaa, Obbo Warqineh Gabayyoo, fi aangawoota kan biroo of keessaa qaba.

Wayta jilli mootummaa kunneen magaalaa Amboo seenanitti Ummanni kumaatamatti lakkaawaman gammachuu guddaadhaan simannaa hoo’aa taassisaniifii jiru. Guutuu Gabaasaa Galaatu qopheeyse. Sagalee!!

Aanga’oonni magaalaa Ambootti imalan Jiraattota magaalaa Amboo fi naannoo isii kuma hedduutti tilmaamaman Istaadiyoomii magalaaa Ambootti walitti qabamaniif wal duraa duuban haasaa taassisaniiru.

Daaw’annaa Muumicha Ministeeraa kana wanti adda taassisu, seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo duraaf Muumichi Ministeeraa biyyattii Afaan Oromootiin haasaa taassisuu isaati jechuun namoonni simannaa sanarratti argaman yaada kennan.

Sirna staadiyamii yunivarsitii Amboo mooraa guddicha keessatti uummataaf haasaa kan taassisan Dr. Abiy Ahmed qabsoon keenya qabsoo mo’ataa akka ta’u gochuuf tarsiimoo keenyaan injifachuun danda’amee jira jedhan.
Injifannoon keenya guutuu ta’uu kan danda’u itti gaafatama nuu kenname waliin taanee fiixaan baasuu yoo dandeenye qofa kan jedhan AD. Abiy Ahimad ilmi kan abbaa caalu yemmuu kan abbaasaa dhaalu akkuma jedhamu daandii qabsoo keenya kaleessaa qabannee injifannoo amma argameen osoo hin quufin seenaa haaraa hojjechuun egereef riqicha cehumsaa hin raafamne kaa’uudhaaf sochii uummata biyya keenyaa cimsinee itti fufuu qabna jedhan.

Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa gama isaaniin bakka kanatti kan walitti qabamne akka kaleessaa abidda dhaamsuuf akkasumas rakkoo odeessuudhaaf osoo hin taane misiraachoo labsuuf abdii egeree cimsuudhaaf jedhan.
Haaluma Kanaan mumichi ministeeraa magaalaa amboo daawwachuu isaaniif jiraattonni magaalattii gammachuun akka itti dhaga’ame ibsachuu isaanii madden gara garaa gabaasaniiru.