Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun Dararaa fi hidhaan humnoota mootummaa Itiyoophiyaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufe .

Ajjeechaan hidhattootni mootummaa Itiyoophiyaa ilmaan Oromoo irrraan gahaa jiran guyya guyyaan cimee itti fufeera.

Haaluma kanaan Goodina Qellam Wallaggaa aanaa sadii Canqaa ganda Koomboo jedhamu keessatti humni agaazii halkan edaa mana maanguddoo obbo Mardaasaa Yaadasaa cabsanii seenuun dhukaasa bananiin maanguddicha ajjeesuun ilma isaanii Dinqaa jedhamus rasaasa lamaan rukutuun yeroo ammaa gara Finfinneetti akka geeffame himameera.Guutuu gabaasaa Galaaneen akkanaan qindeeysite.Sagalee!!

Humni Agaazii namoota jeequmsa irratti hirmaatan barbaadna jechuun halkan manneen namootaa irra deemuun mana namoota cabsuun namoota hedduu reebaa fi ukkaamsuu itti fufaniiru.

Bifuma walfakkaatuun mana maanguddoo umrii 70 olii obbo Ittafaa cabsanii seenuun ijoollee isaanii fi isaanirratti reebicha hamaa raawwachuun halkanuma edaa qabanii akka deeman himameera.

Odeeffannoo bahaa jiruun humni agaazii kun namoota 30-35 qabuuf karoorfatanii kan jiran yoo tahu, halkan edaa qofa namoota 9 ukkaamsanii akka qaban beekameera.

Odeeffannoon godina Qeellam Wallaggaa irraa nu ga’aa jiru akka ibsutti erga labsiin yeroo muddamaa marsaa lammaffaa labsamee as qofa lubbuun namootaa darbuu, namoota hedduu irra miidhaan gara garaa qaqqabuu fi namoonni dhibba sadii olitti tilmaamaman hidhamuu isaanii odeeffannoon achii arganne ni mirkaneessa.
Magaalaa Dambi doolloo keessaa ABO waliin hidhata qabdu jechuun qeerroof jiraattonni qabamanii manneen hidhaa magaalaa Dambi Doolloo fi iddoowwan birootti hiraarfamaa jiraachuunis beekameera.
Harargee Bahaa Aanaa Dadar Magaalaa Qobboo keessatti Humnoonni mootummaa Itiyoophiyaa halkan dubartii ulfaa Ayyaantuu Mohammad Shaanqoo jedhamtu Rasaasaan Rukutanii lubbuu ishii akka galaafatan gabaasuun keenya kan Yaadatamuu dha.

Muummichi Ministeeraa haaraan erga filatamee as ajjeechaa fi hidhaan ilmaan Oromoo irratti godinaalee oromiyaa gara garaa keessatti humna agaaziin raawwataa jiru ni dhaabbata abdiin jedhu jiraatus, hidhaas ta’e ajjeechaan daranuu itti fufuun ajjeechaan Maanguddootaa fi dubartoota dabalatee itti fufee jira.