Guyyaan yaada- ibsachuu ( World press freedom) addunyaa kabajame.

Dhaabbanni Aayfeeks jedhamu kan dhimmoota yaada walabaan ibsuu irratti hojjatu ayyaan guyyaa har’aa yaada-ibsachuu adunyaa ilaalchisuun ibsa baasaniin ji’a Waxabajjii bara darbee irraa jalqabee waggaa tokko qofa keessatti gaazexeessitoonni 46 haala qindaaween ajeefamuu isaanii gabaasaniiru. Hojmaata gaazexeesootaa keessatti hojii malaammaltummaa (hattummaa) gabaasuun ajeefamuu gaazexeessitootaaf akka sababaa guddaa ta’e barameera. Ji’a Waxabajjii waggaa darbee irraa jalqabee Gaazexeessitoota 46 bifa ta’e ja’amee ...

Read More »

Biiya Libnaan keessatti lammiin Itoophiyaa takka warra ishee hojjachiisuun reebamtee daandii gubbatti darbamte.

Aaddee Hawwii Guddataa dhalattuun Naannoo magaalaa Amboo kan biyya Libnaan ti warra ishe hojjachiisuun reebamtee daandii gubb irratti darbamte umreen ishee waggaa 20 gadi ta’uun barameera. Aaddee Hawwiin hojjachiistuu ishee saaraa jedhamtuun reebamtee magaalaa Beeyruut tti daandii gubbaa dhiiga dhangalaasaa deemaa akka turte ragaan mul’iseera. Lammiileen Itoophiyaa kanneen Aaddee Hawwii ishee dhiiga dhangalaasaa deemtuu argan waajjiraa Mootummaa Gamtoomanii bilbiluun ambulaansiin ...

Read More »

Magaalaa Paarisitti namoota 200 guyyaa dafqaan bultootaarratti jeeqan poolisiin hidhaman

Poolisiin magaalaa Paaris namoota hiriirarratti hirmaatan 200 fi fuula isaanii haguuguun guyyaa dafqaan bultootaa irra foddaa suuqotaa caccabsanii fi konkolaattota guban to’annoo jala oolche. Gartuu gara bitaachaa fi Bilaak Bilooksi jedhamuun beekaman hojjettoota mootummaa ilaalchisee haaroomsa Pirezidaanti Imaanu’eel Maakrooniin mormuun hiriira nagaa geggeeffamaa ture kan dogoggorsan ta’uun beekameera. Seera hojjettoota mootummaa isaanii akka haaromsaniif hiriira nagaa godhamaa ture irratti jeequmsa ...

Read More »

Warshaan warqii Midrook Laga dambii kan Godina Gujii, jiraattoota naannoo warshichaatti argaman irraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun osoo komiin jiruu irra deebi’ee haaromsamuun komii kaase.

Qondaalli mootummaa Oromiyaa qorattoonni yaada keenya fudhachuu dhaban yeroo jedhan, mootummaan federaalaa immoo qorannoon akka taasifamaa jiru himuun yoo bu’aan qorannoo sanaa jireenya lammiilee balaarra kan buusu ta’e waliigalteen haqamuu danda’a jedheera. Jiraattoonni Godina Gujii Aanaa Oddo Shaakkisoo naannaa warshaa warqee Laga Dambii jiraatan sababa kemikaala warqii warshichaa keessaa bahauun guddaa rakkachaa jiraachuunis beekameera. Walumagalattis sababii keemikaala warshicha keessaa bahuutiin ...

Read More »

Nageenyi magaalaa Moyyaalee erga boora’ee hanaga yoonaa eddo durii tti hin deebine.

Nagenyi magaalaa Moyyaalee erga boora’ee hanaga yoonaa eddotti deebi’uu dhabuun kan ka’e guyyaa Wiixata kaleessaa daandiin cufamee, waajjiraaleen mootumaa fii manneen daldalaa guutumaan guututti cufamanii oolaniiru. Mooyyaleetti ammas nageenyi magaalattii rakkisaa ta’uu jiraattonni ibsaati jiran. Guyyaa Sanbata darbe ammas hidhattoonni naannoo Soomalee magaalaa Moyyaalee ti utuu boombii ummta irratti darbachuuf jedhanii harkatti dhoo’uu jiraattonni ibsaniiru. Guyyaa Wiixata kaleessaa loltoonni Liyyuu ...

Read More »

Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun Dararaa fi hidhaan humnoota mootummaa Itiyoophiyaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufe .

Ajjeechaan hidhattootni mootummaa Itiyoophiyaa ilmaan Oromoo irrraan Oromiyaa keessatti gahaa jiran guyyaa irraa guyyaan cimee itti fufeera. Akkuma beekkamu qabsoo Qeerroo gufachiisuuf LYM dahoo godhachuun sirni Wayyaanee raayyaan ittisa isaatiin qeerroowwan godinaalee Oromiyaa keessaa hidhaa turuu isaanii yeroo irraa gara yerootti gabaasuun keenya kan yaadatamuudha. Kanumaan wal-qabatee magaalaa Gurawaa qofa irraa dargaggoonni 30 ol garee Komaand Postiin guyyaa Wiixata kaleessaa ...

Read More »

Ameerikaafi Israa’ee Iraan meeshaalee niwukileeraa omishaa jirti jechuun yoo himatan illee UK’n waliigaltee murtessaa nikulaaraa Iraan waliin taasifame akka deeggartu beeksifte .

Ameerikaan himannan Israa’el nageenyashee waliin kan walitti fufiinsa qabu ta’uu dubbatti. waliigalteen niwukileeraa Iraan bara 2015 biyyoota ciccimoo adunyaa jahaa fi Iraan gidduuttii mallattaa’e Iraan gabbisa niwukileerashee akka dhaabduuf kan tureedha. Dubbi himaan UK qorattootni ramadaman akka qaama waliigaltichaatti, Iraan waliigalticha kabajuushee karaa of danda’aa taheen mirkaneessaniiru kan jedhutti dabaluun, nuyi tasuma waa’ee Iraanii fi niwukileerashee hin morminu jedhan. Briiteen, ...

Read More »

Mumichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimad daawwannaa naannoo gara garaatti taassisaa jiran itti fufuun guyyaa har’aa magaalaa hawaasaa daawwatan.

Dr.Abiy erga aangoo qabatanii , imala isaanii Naannolee gara garaatti taassisaniiru. Imala isaanii jalqabaatiin Naannoo Somaalee magaalaa Jijjigaa kan daawwatan yoo ta’u, itti aansuun Ambo, Maqalee, Naannoo Amaaraa Gondarii fi Bahir-daritti taasisuun guyyaa har’aa ammoo Naannoo Kibbaa magaalaa Hawaasaatti ummata marihachiisan . Wayita jilli DR. Abiyyiin durfamu magaalaa hawaasaa gahanitti Simannaa ho’aan qondaalotaa fi hawaasa naannichaan taassifameefii jira. Dr.Abiy turtii ...

Read More »

Barattoonni Yunivarsitii Amboo guyyaa Kamiisa har’aa mormii gegeessan.

Barattoonni Yunivarsitii Amboo mormii guyyaa har’aa geggeesaniin gaafiiwwan hedduu dhiheesan keessaa barattoonni Komaand Poostiin hidhaman akka hiikaman, Labsi Yeroo Muddamaa haa ka’uu, fii waadaan galame hujitti haa hiikkamuu dhaadannoo jettu dhiheessuun, barattoonni hidhaman yo kan hin hiikkamne ta’e mormii ciminaa akka itti fufuuf jiraatan dhageessisaniiru. Barattoonni mootummaan bakka adda addaa daawwachuu irra darbee hojiitti haa seenu, waadaa gale guutumaan guututti ...

Read More »

Qotatee bultoonni Godinaa Kibba Walloo mormii cimaa geggeessan.

Godinaa Kibba Walloo iddoon Gobayyaa jedhamtu dachee qonnaaf toltuu fii bishaan qabdu ta’uun iddoo oomisha qonnaa gaarii itti oomishamuudha. Qotatee bultoota godinaa kibba Walloo irraa sababaa ijaarsa baaburaa jedhamuun dacheen kaffaltii xinnoon waan irraa fudhatameef mormii geggeessaniiru. Qotee bultoonni rakkoon isaanii akka ilaalamuuf iyyannaa qaama mootummaa dame gara garaati dheheeffataniis deebisaa tokkollee akka hin argatin himaniiru. Dachee oomish qonnaa gaarii ...

Read More »