Waggoota shaman darban keessa magaalaa Finfinnee keessaa maatiin kuma 12 oli qe’ee jireenyaa irraa buqqaafamuun barame.

Bulchinsi Magaalaa Finfinnee waggoota shanan darbe keessa maatii kuma 12 oli akka qe’ee jireenyaa irraa godaansisan BBCn afaana Amaraffaa gabaaseera.
Akka gabaasaa kanaatti jiraattonni qe’ee jireenya isaanii irraa buqqifaman horiin ga’aan waan hin kennaminiifiif jecha, manneen keesa jiraatan fii hojii dhabuun daandii irratti kufanii jiraachuun rakkoolee gabaafamaa jiruudha.
Magaalaan Finfinnee akkuma bal’ataa deemuun jiruufi jireenyi Oromoo naannoshee jiraatanii balaafi gadadoof saaxilamaniiru. Gariin qonnaan bultootaa ammas lafti waadaa nuuf galame waan nuuf hin kennamneef fuuldurri keenya yaaddoon kan guutamedha jechuun yaaddoo qaban ibsachaati jiran. Guutuu Gabaasaa Galaaneen akkanaan qopheeysite.!! Sagalee!!
Gatiin dachee jiraattonni irraa buqqifamani karee meetira tokkotti birrii kuma 300 ga’uus jiraattotaaf horiin ga’aan waan hin kennaminiifiif rakkoo cimaa keessa jiraachuun barameera.
Obboo Miliyoon Girmaa hoji geggeessaan ejensii jiraattotaaf karee meetirii tokkotti birrii 62 akka kennamuuf ibsaniiru.
Kun kanaan odoo jiruu, Finfinneetti waliigalteen qabiyyeewwan lafa 7; Miidrook Ityoophiyaan dalleeffamanii waggootaf taa’aa turan adda cituuf murteeffamuun himameera.
Torbee darbe waliigalteen qabiyyeewwan lafa 2; Miidrook Ityoophiyaan qabamee ture kaaree meetirri kumni 55 bulchiinsa magaalichaatin adda citeera.
Waajjira Baankii Lafaa fi Dabarsaa Finfinneetti daayreektarri hordoffii fi raawwii liizii obbo Bayyanaa Laaphisoon akka himanittti; lafti lamaan torbee darbe waliigalteen isaanii adda cite kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo keessatti argamu ibsaniiru. Lafti kun Waggoota dheeraafis osoo hin misoomin turuu himaniiru.
Akka obboo Bayanaan himanitti ,ammaa kaasee waggaa kana keessa waliigalteen isaanii kan adda citu kan biraa torbaas jiraachuu ibsaniiru.

Qabiyyeewwan lafaa kanneen Meeksiikoo, Sammiit, Boolee Walloo Safaritti lama, Ekkaa, Qiirqoositti kan argaman yammuu ta’u; waliigalaan lafti karee meetirri kumni 104 dalleeffamee waggootaf osoo hin misoomin akka jiru gabaasaniiru. Dabalataanis babal’isuu Sharaataniif kan qabamee fi Piyaassatti waggootaf kan dalleeffamee jiru kan ilaalamu ta’uus ibsame jira.