Wixineen Labsii “HR 128” jedhamu Itoophiyaa keeysatti mirgi namoomaa akka kabajamuu fi bulchiinsi hunda hirmaachiise akka hundeeffamu gaafatu guyyaa har’aa mana maree Amareerikaa ti dhihaate.

Wixineen Labsii “HR 128” jedhamu Itoophiyaa keeysatti mirgi namoomaa akka kabajamuu fi bulchiinsi hunda hirmaachiise akka hundeeffamu gaafatu akkasumaas Labsii Yeroo muddamaa akka kaafamu kan gaafatu. Labsi kun yo mana maree Ameerikaan darbe hoogantoonni mootummaa Itoophiyaa qabeenya isaanii uggurumaanuun akka biyya Ameerikaa hin seenne seera dhoorku ta’a. Gabaasaa Galaaneetu qopheyse. Sagalee!!

Wixineen Labsii “HR 128” kun hooggantoonni siyaasaa, gaazeexeessitoonni fi hidhamtoonni hundi akka hidhaa gadi dhiifamanii fi dhiittaan mirga namoomaa biyyattii keessatti akka hin taasifamne seera godhuudha.

Lammiileen biyyattii mirgi bilisaan yaadaa dhiheeffachuu akka kabajamuu fi mirgoonni of gurmeessuu akka hayyamamuuf seera gaafatu taha gechuudha.

Wixineen Labsii “HR 128” jedhamu ajjeechaa suukanneessa gaafa Ji’a Birraa 03 bara 2016 ti ibidda mana hidhaa Qilinxootiin wal-qabatee hidhamtoota irra ga’ee fii ajeechaa jumlaa ji’a Onkoloolessaa 02 bara 2016 ayyaana Irreechaa Magaalaa Bishooftuu Hora Ar’sadee ti lammiilee nageenyyaan ayyaan irra turani irra ga’e garee qorattoota mootummoota gamtoomanii akka qulqulleessaniif hayyamu akka qaban seera gaafatuudha.
Wixineen seeraa ‘HR 128 ‘ jedhamuufi mootummaan Itoophiyaa mirgoota dimookraasii fi namoomaa akka kabaju dhibbaa irratti taasisuuf irratti qiyyeefate har’a kongirasii Ameerikaatti dhiyaatee sagaleen itti kennama jedhamee eegama.
Wixineen kun kan ragga’uu danda’us harka sadii keessaa harki lama yoo dabarsee qofadha.
Kanumaafis jecha lammiileen biyya Ameerikaa jiraatan, bakka bu’oota isaaniitii bilbilaa fi imeeyilii fayyadamuun ergaa dabarfachaa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo amma labsa yeroo hatattamaa ji’oota jahaaf turu labsuun sagalee ummataa rasasaa loltoota agaaziitiin ukkamsuuf murteeffataniiru.
Amerikaa dabalatee Jarman, Inglaand , Kanaadaa, Gamtaan Awurrooppaa tii fi kanneen biroo labsi yeroo hatattamaa labsame kun akka isaan yaaddeesse hubachiisuun kan yaadatamuudha.