Ajjeechaan Lammiilee nagaa magaala Waldiyaarratti raawwatame kampaanoota Waayyaannee gatii kaffalchiisu jalqabuun isaa gabasameera

Tarkaniiffiin gara jabeenya loltoonni agaazii jirattoota magaala Waldiyaa irratti fudhataniin lubbuun namoota torbaa akka darbe mootummaan naanniicha beeksise ture. Jirattoonni magaalaatti garuu lakkofsi namoota loltoota waayyaanneen ajjeeffamanii fi mada’aan kan mootummaan jedhu ol akka ta’e himaniiru Ajjeechaa lammiileen nagaa ayyaana kabajaa turan irratti raawwatame kampanoota waayyaannee gatii guddaa kaffalchiisu akka jalqabe ragaaleen mul’isaniiru Kampaaniin waayyaannee ‘Salaam Baas’ qabeenya ummata Itoophiyaan ...

Read More »

Naannoo Ummattoota Kibbaa Magaala Hosa’aanaa Yunivarsitii Waachamootti walitti Bu’insa uumameen Barattoonni Torbaa miidhamaniiru

Naannoo Ummattoota Kibbaa Magalaa Hosa’anaa Yunivarsitii Waachamootti walitti bu’iinsa sabarratti hunda’een barattoonni mooraa yunivarsitichaa gadhiisanii hanga bahutti gahuun himameera Walitti bu’iinsi kun sababa barattoota lamaan jalqabame jedhamus, durumaa gaaffiiwwaan siyaasa gaafatamaa akka turan himameera Walitti bu’iinsa kana wajjiin walqabatee barattoonni naannoo Oromiyaa 1000 ol moora yunivarsitichaa gadhiisanii bahusaanii hoggantonni yunivarsitii Waachamoo himaniiru Barattoota torbarra miidhaan waan gaheef hospitaalaatti waldhanamaa akka ...

Read More »

Ajjeecha lammiilee nagaa Magaala Waldiyaa irratti raawwatamee Qamooleen adda addaa balaalefataniiru

Jirattoonni magaala Waldiyaa akkuma yeroo kamu hunda kabaja ayyaana cuuphaa barii ayyaana Mikaa’eelaa (Qaana Zaagaliilaa ) faaruu fi sirbaan kabaja turan Jirattoonni karaa nagaan ayyaanicha faaruu fi sirbaan kabaja osoo jiran loltoonni Agaazii meeshaa waarana hidhatan dargaggoonni akka hin sirbine dhoorkuuf yaalaa akka turan himameera Akkasumas loloonni agaazii dargaggoota Alabaa urjiin irra hin jirre qabatanii harkaa fuudhuuf yaalaa akka turan ...

Read More »

Hoggantoonni Abbaa Taayita Biroodkaatiingii Itoophiyaa guutuman gutuutti miseensoota Adda Bilisa Baasaa ummata Tigraay akka ta’aan beekameera

Itoophiyaa keessatti dhaabbilee miidiyaa maxxansaa fi Gaazexxaaf eyyama hojii kan kennu fi to’aatu Abbaan Taayitaa Biroodkaastiingii Itoophiyaa akka ta’e ni beekama. Hogganaa Abbaa Taayitichaa Obbo Zaraa’aay Asigadoom dabalatee hoggantoonni olaanoon biroo hundu miseensoota Adda bilisa baasaa ummata Tigraay akka ta’aan ragaan argame mul’iseera Akka ragaa kanatti, hogganaa abbaa taayiticha obbo Zaraa’aay dabalatee, Itti-aanaa hogganaa Obbo Li’uul Gabruu Gabraigzabiheer akkasumas Gabragiyoorgiis ...

Read More »

Boordiin Yunivarstii Finfinnee Kaadhimamtoota Pirezedantii Yunivarsitichaaf dorgoman sadii adda baasuun Ministeera Barnootaaf akka erge himame

Pirezedantii Yunivarsitii Finfinnee dandeetti qofarratti hunda’uun filachuuf waldorgommiin gaggeeffamaa jira Addi Bilisa Baasaa ummata Tigraay miseensa addichaa kan ta’an Pirofeesaar Xaasaaw Waldahaannaa filachisuuf gamanumarraa giddu seenaa akka jjiru maddeen oduu mirkaneessaniiru Pirofeesaar Xaasaaw Waldahaannaa kaadhimatoota sadeen boordiin yunivarstichaa maqaa isaanii ministeera Barnootaaf erge keessatti argamu Gama Dhaabbata dimokirasummaa Ummata Oromoon immoo, Barsiisaan muummee Falasaamaa Pirofeesaar Baqqalaa Guutamaa pirezedantii yunivarsitii Finfinnee ...

Read More »

Doktor Maraaraa Guddinaa Mana Hidhaati Gadhiifaman

Dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo fi hayyuun Siyaasa Dr Maraaraa Guddinaa Amajjii 9 bara 2010 mana hidhaa waayyaannee waggaa tokko oliif itti hidhaman keessa gadhiifamaniiru Dr Maraaraan murtii mootummaan waltajjii siyaasa bal’isuu fi araara biyyooleessaa buusuuf hidhamtoonni siyaasa itti murta’ee fi dhimmi isaanii abbaa alangaa himaannaarra jiru addaan citee akka gadhiifaman beeksisu hordofun akka ta’e himameera Haaluma kanan, hidhamtoota himaannaan ...

Read More »

Lammiileen Oromoo Sababa Walitti bu’iinsa Daangaan Godina Baaleetti Buqqa’aan Hanqina Nyaataan Rakkoo Guddaaf akka Saaxilaman himameera.

Walitti Bu’iinsa Daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee lammileen Oromoo buqqa’anii godina Baalee aanaalee Raayituu, Daawwee Qaachan, Madda Walaabuu fi Daawwee Sarar Keessa qubatan hanqina nyaataan rakko guddaaf saaxilamaniiru Lammiileen Oromoo Wucaalee fi Sumaaleelaand buqqa’aan godiina baalee keessa qubataniis hanqina gargaarsaan rakkoo hamaaf akka saaxilaman himameera Lammiileen sababa weerara liyyuu pooliisii naannoo Sumaaleetiin gandoota godina baalee keessa qe’ee fi ...

Read More »

Hoggantoonni Olaanoon Kongirasii Federaliistii Oromoo Murtiif Beellamamanii Turan Mana Murtiitti hin Dhiyaanne jedhame.

Hoggantoonni olaanoon Kongirasii Federaliistii Oromoo qondaltoonni mootummaa ragaalee ittisaan mana murtiitti dhiyaatanii akka hin ragneef ittisamuu waan mormaniif sababa dhadacha jeeqan jedhun hidhaan ji’oota jaha itti murta’uun kan yaadatamudha. Hidhamtoonni siyaasa Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo, obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoonni biroo murtiidhaaf amajjii 10 bara 2010tti mana murtiitti beellama qabu ture Hidhamtoonni Siyaasa Oromoo ...

Read More »

Addi Bilisa baasaa ummata Tigraay hoggansa irra deebiin qorachun hojiin qulqulleessuu akka hafu hogganaan addichaa doktor Dabratsiyoon Gabramikaa’eel beeksisan

Yaa’iin 7ffaan adda bilisa baasaa ummata Tigraay guyyoota torbaf ture gamagamma koreen hojii raawwachistuu irratti kaadiroota sadarkaa olaanoo fi gadi aanaarra jiran wajjiin mar’acha akka ture himameera Yaa’ii kanarratti yaadoonni haaraa kan itti dabalaman ta’uus himameera. Haaluma kanan, torbee dhufu jalqabee qorannoon namoota dhuunfaa itti fufee hojiin kallattii addichaa qulqulleessuu akka itti fufu hogganaan addicha Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’eel beeksisaniiru Akka ...

Read More »

Keeyyaanni Labsi Farra Shororkeessummaa fooyyaa’uu fi haqamu akka hin jire mootummaa waayyaannee beeksise

Koreen Hojii raawwachistuu Adda dimokirasumma waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa ibsa baaseen waltajjii dimokirasi jajjabeessurra tarkaniiffiwwaan laafisan akka turan himun ni yaadatama Paartilee mormitoota muraasnii fi Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa labsii farra Shororkeessummaa dabalatee dhimmoota biroo irratti mari’acha akka turan miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Paartiileen mormitoota mootummaan bajeeta ramaduuf kunniin labsi farra shororkeessummaa akka fooyyaa’uuf gaaffii dhiyeessuun deebii ADWUI eega turaniiru Keeyyattoota ...

Read More »