Naannoo Ummattoota Kibbaa Magaala Hosa’aanaa Yunivarsitii Waachamootti walitti Bu’insa uumameen Barattoonni Torbaa miidhamaniiru

Naannoo Ummattoota Kibbaa Magalaa Hosa’anaa Yunivarsitii Waachamootti walitti bu’iinsa sabarratti hunda’een barattoonni mooraa yunivarsitichaa gadhiisanii hanga bahutti gahuun himameera
Walitti bu’iinsi kun sababa barattoota lamaan jalqabame jedhamus, durumaa gaaffiiwwaan siyaasa gaafatamaa akka turan himameera
Walitti bu’iinsa kana wajjiin walqabatee barattoonni naannoo Oromiyaa 1000 ol moora yunivarsitichaa gadhiisanii bahusaanii hoggantonni yunivarsitii Waachamoo himaniiru
Barattoota torbarra miidhaan waan gaheef hospitaalaatti waldhanamaa akka jiran beekameera. Barattoota miidhaman keessa sadiirra miidhaa guddaan akka gahe maddeen oduu mirkaneessaniiru
Barattoonni sadeen miidhaan guddaan irra gahee keessa lama kan naannoo Oromiyaa tokko immo dhalataa naannoo Ummattoota kibbaa ta’uun ragaaleen mul’isaniiru
Bulchiinsi Godinaa fi yunivarsitichaa walitti bu’iinsa barattoota tasgabeessuuf yaalaa kan jiran yoo ta’u gaaffiiwwan barattoonni dhiyeessaniif deebii kennuu akka dadhaban himameera.
Yunivarsitiin Waachamoo sagantaa idilee fi kan biroon barattoota kuma 18 ol yeroo amma barsiisaa jira
Walitti bu’iinsa yunivarsitoota keessatti yeroo dhiyoo asi uumamee wajjiin walqabatee barattoonni baay’een loltoota Agaaziin ajjeeffamaniiru.
Yunivarsitoota 32 keesssa 26tti adeemsi baruu fi barsiisuu addaan citee akka ture kan yaadatamudha.