Ajjeecha lammiilee nagaa Magaala Waldiyaa irratti raawwatamee Qamooleen adda addaa balaalefataniiru

Jirattoonni magaala Waldiyaa akkuma yeroo kamu hunda kabaja ayyaana cuuphaa barii ayyaana Mikaa’eelaa (Qaana Zaagaliilaa ) faaruu fi sirbaan kabaja turan
Jirattoonni karaa nagaan ayyaanicha faaruu fi sirbaan kabaja osoo jiran loltoonni Agaazii meeshaa waarana hidhatan dargaggoonni akka hin sirbine dhoorkuuf yaalaa akka turan himameera
Akkasumas loloonni agaazii dargaggoota Alabaa urjiin irra hin jirre qabatanii harkaa fuudhuuf yaalaa akka turan gabaafameera
Walitti bu’iinsa sababa kanan uumameen loltooni agaazii dhukaasa banuun lubbu namoota torbaa wayita gaalafatan namoota 15 ol immo medeessaniiru
Ajjeechaa sukkaneessa loltoonni Agaazii jirattoota magaala Waldiyaa irratti raawwatan kana qamooleen adda addaa balaleeffacha jiru
Abootiin Amantii Bataskaana Warra Ortodokisii Biyyaa keessa jiran dhimma ajjeecha lammiilee nagaa irratti raawwatame ilaalchisee callisuun filataniiru
Gochi Abbotii amantii Bataskaana warra Ortodoksii biyyaa keessa jiran baay’ee kan nama gaddisiisuu akka ta’e Senedosiin Bataskaanaa ortodokisii Tawahidoo Itoophiyaa biyyaa alaa jiru beeksiseera
Abbootiin Amantii gocha sukkaneessan akkaanaa lammiilee ayyaana kabajuuf bahan irratti wayita raawwatamu baleeleeffachuun namoonni yakka raawwatan seeraatti akka dhiyaatan gaafachu akka qaban Senedosiin bataskaana Ortodoksii biyyaa alaa jiru hubachiiseera
Imaamiin “Farist Hijiraa Faawundeshiinii” Shee Kaliid Umaar gamasantiin, badiin kana caalu osoo gahiin dura mootummaan aangoorra jiru tasgaba’uu akka qabu dhaamaaniiru
Loltoonni lammiilee nagaa irratti ajjeecha raawwatan seeraatti akka dhiyaatan hundeessaan ”Itoophiyaa Tanashii Abbirii” wangeelaawwii Dan’eel Xaasaaw gaafataniiru
Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti, Komishiniin Mirga namoomaa ajjeechaan Waldiyaatti raawwatame baay’ee akka isaa yaaddeesse ibsa baaseen beeksiseera
Loltoonni mootummaa lammiilee nagaa kan ajjeessaniif namoonni dhadannoo adda addaan mootummaa waan mormaniif ta’u ibsi komishinichaa mul’iseera.
Oduu biraan, ajjeechaan lammiilee nagaa waldiyaa irratti raawwatame bulchiinsi mootummaan waayyaannee akka hin jijjiiramne kan mul’isu ta’u Waarraqsi Biyyaaleessa Itoophiyaa Ibsa Baaseen beeksiseeera
Sababni ajjeecha sukkaneessa walitti bu’iinsa dargaggoonni uumaan jechun ajajan qajeelcha pooliisii Godina Walloo Kaabaa dubbataniiru
Ajajaan qajeelcha pooliisii godinicha komandaar Amaaraa Gooshuu hidhattoonni mootummaa obsa isaanii waan xumurameef tarkaniiffii ajjeechaa fudhatan jechun yaada qoosaa fakkatuun dubbataniitu
Walitti bu’iinsa kana wajjiin walqabatee konkolattoonni, hoteeloonni fi manneen daldalaa akka gubatan komandarichi himaniiru
Namoonni qabeenyisaanii jala miidhame kanneen mootummaa abbaa irree waayyaannee wajjiin hidhata qabanii fi jirattooota miidha turan akka ta’e ragaaleen mul’isaniiru
Dargaggoonni magaalaatti fi naannowashee garuu mormii isaanii sirbaan ibsachuu malee badiin raawwatan tokkolee akka hin ture namoonni achi turan dubbataniiru
Pirezedantiin naannoo Amaaraa Obbo Gadduu Andargachoo gamasantiin, rakkoon osoo jiraatees lubbu namaa darbuu akka hin qabne beeksisaniiru
Oduu walfakkatuun, Godina Booranaatti Magaala Mooyyaaleetti dargaggoota waldorgommii Shaapiyoonaa guutuu godinicha irratti injifatanii gammachun sirbaa turan irratti loltoonni waayyaannee dhukaasa banuun lubbu namaa gaalafataniiru.
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Booraa magaala Alam Xeenaattiis loltoonni Agaazii barattoota sadii akka ajjeessan himameera.
Barattoonni magaala Alam Xeenaa lammiilee magaala Waldiyaa fi Mooyyaaleetti tibbaana loltoota agaaziin ajjeeffaman yaadachuf alabaa gadi siqsuun wayita fannisaan loltoonni immo deebisanii fannisuuf yaalan akka turan himameera.
Barattoonni naannoo alabaan itti fannifamutti walgahanii ta’uuni mormii isaanii kara nagaan ibsachaa osoo jiran loltoonni waayyaannee gara jabeenyaan rasasa itti roobsun lubbu barattoota sadii gaalafataniiru
Loltoonni Agaazii guutu biyyaatti namoota umiriin osoo adda hin baasne badii tokko malee ajjeessu itti fufaniiru.