Boordiin Yunivarstii Finfinnee Kaadhimamtoota Pirezedantii Yunivarsitichaaf dorgoman sadii adda baasuun Ministeera Barnootaaf akka erge himame

Pirezedantii Yunivarsitii Finfinnee dandeetti qofarratti hunda’uun filachuuf waldorgommiin gaggeeffamaa jira
Addi Bilisa Baasaa ummata Tigraay miseensa addichaa kan ta’an Pirofeesaar Xaasaaw Waldahaannaa filachisuuf gamanumarraa giddu seenaa akka jjiru maddeen oduu mirkaneessaniiru
Pirofeesaar Xaasaaw Waldahaannaa kaadhimatoota sadeen boordiin yunivarstichaa maqaa isaanii ministeera Barnootaaf erge keessatti argamu
Gama Dhaabbata dimokirasummaa Ummata Oromoon immoo, Barsiisaan muummee Falasaamaa Pirofeesaar Baqqalaa Guutamaa pirezedantii yunivarsitii Finfinnee ta’aanii akka filatamaniif fedhiin jiraachu beekameera
Kaadhimamaan biroo maqaan isaanii minsiteera barnootaaf ergame Doktor Jeyiluu Umaar akka ta’aan himameera
Pirezedantii Yunivarsitichaa Filachuuf kaadhimamtoot dhiyaatan 22 keessa sagal gara marsa lammaaffi kan darban yoo ta’u, amma immo kaadhimamtoonni sadi gara marsaa sadaffaatti darbu isaanii beekameera
Ministeerri Barnoota kaadhamtoota sadeen dhiyaatan keessa nama tokko pirezedantii Yunivarsiitii Finfinneef gochun akka filatu ni eegama
Miseensi Addaa bilisa baasaa ummata Tograayii pirofeesaat Xaasaaw Waldahaannaa Pirezedantii Yunivarsiitii Finfinnee ta’aan ni filatamu jedhame eegama
Kaadhimamtoota Pirezedantii Yunivarsiitii Finfinneef dorgamaa turan keessa obboleessi Minsitiira muummee Hayilamariyaam Dassalaany pirofesaar Fiqree Dassalaany gara marsa sadaffaatti osoo hin darbiin hafaniiru