Itoophiyaan Biyyoota Addunyaa Dhiyeessa tajaajila Interneetii Ugguraan keessa sadarkaa lammaffaarra jirti jedhame

Itoophiyaan biyyoota addunyaa dhiyeessii tajaajila interneetii ugguraan keessaa chaayinaatti aanuun sadarkaa lammaffaarraa akka jirtu gabaasni Firiidaam Haawuus mul’iseera. Biyyoonni tajaajila Interneetii bilisaa fi sadarkaa amansiisaan lammiilee isaaniif dhiyeessan immoo Ayislaandii fi Istoniiyaa akka ta’aan gabaasni kun mirkaneesseera Mootummaan Itoophiyaa naannoolee jirattoonni gaaffii mirgaa dhiyeessan jiraataniitti dhiyeessi tajaajila interneetii gutumaan gutuutti akka ugguruu gabaasni kun mul’iseera Mootummaan Itoophiyaa Miidiyaaleen hawasummaa fi ...

Read More »

Miseensoonni Koree Eenyummaa Walaqaayiit Amaaraa manneen hidhaa keessatti dararri guddaan akka irratti raawwatamaa jiru himan

Miseesoonni Koree Eenyummaa Walaqaayiit Amaaraa mormii jirattoota Gondoor wajjiin walabatee hidhaman keessa lama qoft wayita gadhiifaman kan hafan mana hidhaatti dararamaa jiru Abbaan murtii dhimma himatamtoota koree eenyummaa Walqaayiit Amaaraa ilaalan keessa tokko kan ta’an miseensi adda bilisa baasaa ummataa Tigraay obbo Zara’aay Waldasanbat yakka guddaa raawwachaa akka jiran himameera Abbaan Seeraa Zara’aay Waldasanbaat dhimma isaanii akka hin ilaalle himatamtoonni ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Hoggantoota Kongirasii Federaliistii Oromoo olaanoo Arfanirratti dabalataan hidhaa ji’a jaha murteesse

Manni Murtii Olaanoom Federaalaa hidhamtoota Siyaasa Oromoo galmee obbo Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti himataman irratti murtii dhumaa dabarsuuf Amajjii 28 bara 2010 beellamee ture. Akkatadhuma beellama mana murtichaan hidhamtoonni siyaasa galmee kana jalatti himataman mana murtichaatti argamaniis dhimmi isaanii murtii dhumaa argachuura shira biraa xaxameen yeroo biraatti beellameera Hoggantoonni olaanoo Kongirasii Federaliistii Oromoo 4ffaan abbootiin murtii yeroo seenaan ka’anii dhaabbachuu fi ...

Read More »

Walgahiin Koree Hojii Raawwachistuu Dhaabbata Dimokirasummaa Ummataa Oromoo Miseensoota mana marii 14 kan biraan bakka buusuun xummurameera

Walga’iin koree hojii raawwachistuu giddugaleessaa Dhaabbata Demokirasummaa Ummata Oromoo guyyoota 10f Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti taa’aama ture murtiiwwaan adda addaa dabarsuun xumurameera. Koreen hojii raawwachistuu itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi qabsoo jalqabamee itti fufisiisiif miseensoota mana marii Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)keessatti dhaabbaticha bakka bu’aan hirmaatan 14 namoota ga’uumsa fi ciminan qaban kan biroon bakka buusuun himameera. Miseensota koree giddugaleessaa ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa lammiilee Itoophiyaa yakka shororkeessummaan himatam irratti adabbii murteessea

Manni Murtii olaanoo Federaalaa lammiilee Itoophiyaa yakka shororkeessummaan himataman 16 keessa torbaa irratti adabbii hidhaa murteesse Himatamtoonni Siyaasa kunniin bara 2004 dura miseensoota paartii dhaabbataa tokkummaa guutuu Itoophiyanoota akka turan himaannaa abbaa alangaarra hubatameera Bara 2004 hanga 2006tti immoo miseensoota Arbanyooch Sabaatti turan jechun abbaan Alangaa Federaalaa himateera Himatamtoonni Siyaasa naannoo Amaaraa Bahaar-Daar fi Gondoor keessa socho’uun ragaa biyyaatti Arbanyooch ...

Read More »

Jirattoonni Magaala Finfinnee Kuma 200 ol nyaataan waan of hin dandeenyeef Baankiin Addunyaa gargaaruuf akka murteesse himame.

Jirattoonni magaala Finfinnee hiyyummaa hamaa keessa jiran kumni 32 namoota humna hin qabnee waan ta’aaniif ji’a ji’aan birrii 170n lakkoofsa maatii qabaniin baay’ifamee akka kennamuf himameera Jirattoonni kumni 168 immo hojiilee misoomaa naannoo isaanii irratti hirmaachiisuun kan kaffalamuuf ta’un himameera Baankii Addunyaa lammiilee Itoophiyaa hiyyummaa hamaa keessa jirataniif dolaarii miiliyoona 400 fi miiliyoona 50 ramade keessa dhibbeentaa 70n jirattoota magaala ...

Read More »

Daa’immaan Itoophiyaa sababa Guddiffannaan gara Biyyoota Alaa Fudhataman Kumni Torba sadarkaan irra jiraan akka hin beekamne Ministeerri Dhimma Daa’immaanii fi Dubartoota beeksise

Itoophiyaatti namoonni karaa seeraan alaa namoota daddabarsanii fi kan biroo maatii gowwomsuun daa’immaan karaa seeraan alaan gara biyyoota alaatti ergaa akka turan Minstirri dhimma Daa’immaan fi dubartootaa Aadee Damituu Hambisaa himan Maatiiwwaan namoota seeraan alaa gowwomfamanii daa’immaan isaanii gara biyyoota alaatti ergan asi buutee isaanii waan dhabaniif ministeerichi daa’immaan isaanii wajjiin akka walitti fidu gaafacha jiru jedhan Maatiin daa’immaan isaanii ...

Read More »

Itti aanaa Dura Taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa waldhaansa gahaa argachu waan hin dandeenyeef sadarkaa qaroo ijaa isaanii dhabuurra gahaa akka jiran himame

Mana hidhaa waayyyaannee keessatti dararamaa kan jiran itti-aanaa dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa waldhaansa gahaa waan hin arganneef qaroo ija isaanii bitaa sadarkaa dhabuurra gahaa akka jiran intalli isaanii dubree Boontuu Baqqalaa dubbate Obbo Baqqalaan dhukkuba dhiibbaa dhiigaa (hypertension) jedhamu wajjiin walqabatee ijji isaanii bitaa waan miidhameef waldhaansa hatattamaa akka barbaadan dubree Boontuun miidiyaalee adda addaatti himte ...

Read More »

Bulchiinsi Mootummaa waayyaannee maallaqaa baankii biyyoota alaarraa maqaa dhaabbilee adda addaan liqeeffate sababa hanqina sharafa alaan kaffaluu akka hin dandeenye himame.

Bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa maqaa pirojektoota adda addaan baankiiwwaan biyyoota alaarra dolaarii miiliyoona heddu liqeeffateera Maallaqani liqiin argame kun dhala guddaa wajjiin yeroo murta’ee keessatti kaffalame kan xumuramu Ragaan gara Oromiyaa miidiyaa neetwoorkiin argame akka mul’isuuttu, Korporeshiniin humna ibsaa Itoophiyaa ijaarsa hidhaa haaromsaa, Giibee sadaffaa fi Pirojektoota biroof maallaqa liqeeffate sababa hanqina sharafa alaan kaffaluu hin dandeenye. Korporeshiiniin Humna Ibsaa Itoophiyaa ...

Read More »

Yaa’iin Biyyaleessa hunda hirmaachise akka waamamu waldaan mirga namoomaa Itoophiyaa gaafate

Yaa’iin Humnoota bilisummaa meeshaa waarana hidhatan fi Paartiilee Siyaasa biyyaa keessa akkasumas dhaabbiilee Itoophiyaa hunda hirmaachise waamuun biyyaatti rakko keessa baasuu akka barbachiisu waldaan mirga namoomaa Itoophiyaa waamicha dhiyeesse Waldichi gaabasa tibbaana baaseen tarkaniiffi ukkamsuu, ajjeechaa fi dhitta mirga namoomaa daangaa hin qabne saaxileera Dhittaan mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu yeroo gara yerootti dabalaa akka dhufe hogganaan waldaa mirgaa namoomaa ...

Read More »