Ajjeechaan Lammiilee nagaa magaala Waldiyaarratti raawwatame kampaanoota Waayyaannee gatii kaffalchiisu jalqabuun isaa gabasameera

Tarkaniiffiin gara jabeenya loltoonni agaazii jirattoota magaala Waldiyaa irratti fudhataniin lubbuun namoota torbaa akka darbe mootummaan naanniicha beeksise ture.
Jirattoonni magaalaatti garuu lakkofsi namoota loltoota waayyaanneen ajjeeffamanii fi mada’aan kan mootummaan jedhu ol akka ta’e himaniiru
Ajjeechaa lammiileen nagaa ayyaana kabajaa turan irratti raawwatame kampanoota waayyaannee gatii guddaa kaffalchiisu akka jalqabe ragaaleen mul’isaniiru
Kampaaniin waayyaannee ‘Salaam Baas’ qabeenya ummata Itoophiyaan saamameen hundeeffame sababa rakkoo nageenyaa jedhun imala Finfinnee gara Maqalee fi Shiree Indasillaassee gara naannoo Affaariin gochuf akka dirqame beeksiseera.
Konkolattoonni Salaam Baas kana dura Finfinnee gara Maqaalee fi Shiree Indasillasee karaa magaaloota Walloo akka Kombolchaa, Dasee fi Waldiyaa imala turan ajjeechaa jirattoota Waldiyaa irratti raawwatame wajjiin walqabatee daandii daandii imala isaanii jijjiiruuf dirqamaniiru.
Haaluma kanan, Konkolattoonni salaam Baas magaala Finfinneetti ka’uun karaa naannoo Affaariin gara Maqaalee fi Shiree IndaSillaaseetti akka laataan kampaaniichi beeksisera
Daandiin Salaam Baas bifa haaraan tajaajila geejjibbaa itti kennuuf murteesse kun imala duraan karaa Walloon kenna ture irratti kiiloo meetira 217 waliigala kiilomeetira 1000 akka imaluuf dirqamsiiseera
Kampaaniin waayyaannee Salaam baas sababa kanan gatii geejjibaa kana dura namni tokko Finfinnee hanga Maqalee kaffalaa ture birrii 485 irratti Amajjii 18 bara 2010 jalqabee birrii 135 dabalun birrii 620 akka ta’e beeksiseera
Akkasumas gatiin namni tokko Finfinnee gara Shiree Indasillasee imaluuf tajaajila geejjibbaaf kaffalu immo birrii 805 akka ta’e beekameera.
Mormii ummata naannoo Oromiyaa wajjiin walqabatee Salaam Baas imala tajaajila geejjibbaa Finfinnee gara Dirredhawaa , Harar fi Jigjiggaatti kenna ture ji’oota jahan darbaniif addaan kutuuf dirqameera
Akkasumas qeerroo Oromiyaa sodaachun tajaajila geejjibaa dhihaa Oromiyaa qaxxamuruun magaala guddo Beenishanguul Gumuuz gara Asoosaatti imala ture addaan kutuuf akka dirqame hogganaan Salaam Baas dhiyeenya BBC afaan Amariffaatti himun ni yaadatama.
Kampanoonni waayyaannee qabeenya ummata Itoophiyaa saamuun hundeesite hundu naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti yeroo amma balaaf saaxilameera.
Waayyaannee loltoota Agaaziitti fayyadamun namoota nagaa ajjeessuu fi himaannaa sobaan mana hidhaatti yoo darbatuu qeerroo Oromiyaa fi dargaggoonni Amaaraa immo qabeenya isaanii saamanii horataan barbadeessuun itti fufaniiru.