Keeyyaanni Labsi Farra Shororkeessummaa fooyyaa’uu fi haqamu akka hin jire mootummaa waayyaannee beeksise

Koreen Hojii raawwachistuu Adda dimokirasumma waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa ibsa baaseen waltajjii dimokirasi jajjabeessurra tarkaniiffiwwaan laafisan akka turan himun ni yaadatama
Paartilee mormitoota muraasnii fi Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa labsii farra Shororkeessummaa dabalatee dhimmoota biroo irratti mari’acha akka turan miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Paartiileen mormitoota mootummaan bajeeta ramaduuf kunniin labsi farra shororkeessummaa akka fooyyaa’uuf gaaffii dhiyeessuun deebii ADWUI eega turaniiru
Keeyyattoota Labsii farra shororkeessummaa haqamanii fi fooyyaa’aan akka hin jire qondaltoonni mootummaa Itoophiyaa beeksisaniiru
Keeyyata tokko qofa ilaalchisuun seerii ibsi dabalataa tumu qofti akka qopha’uuf qondaltoonni mootummaa paartiilee mormitoota mootummaan bajeeta ramaduuf kanniinitti himaniiru.
Labsiin farra shororkeessummaa mootummaa Itoophiyaa hojiirra jiru kan biyyoota addunyaa kamu wajjiin kan walfalleessu waan hin taaneef heera mootummaa wajjiin akka walsimu himameera
Kanaafu keeyyanni labsii farra shororkeessummaa fooyyaa’uu fi haqamu akka hin jire mootummaan abba irree waayyaannee beeksiseera
Keeyyaanni pooliisiin shakkamtoota farra shororkeessummaa wayita to’aannoo jala oolchu humna walmadaluu fayyadamu ni danda’a jedhu qofa irratti seerri ibsa dabalataa kennu akka qopha’u himameera
Mootummaan waayyeennee labsii farra shororkeessummaa fi labsiiwwaan sagalee ummataa ittin ukkamsuuf itti fayyadamu biroo akka haqaman kan hin barbanneef walatajjii siyaasa bal’isuuf fedhii kan hin qabne ta’u kan mul’isu jedhameera
Waltajjii Marii Paartiiwwan mormitoota fi mootummaa jedhame kanarratti paartiiwwaan miseensootaa fi deeggartoota baay’ee qaban akkasumas ummata biraatti fudhatama qaban kan hin hirmaannee ta’un ni beekama.
Mootummaan waayyaannee paartiilee maqaa mormitootan hundeessee fi bajeeta ramaduuf wajjiin dhimmoota adda adda irratti mar’achaa akka jiru ragaaleen mul’isaniiru