Hoggantoonni Abbaa Taayita Biroodkaatiingii Itoophiyaa guutuman gutuutti miseensoota Adda Bilisa Baasaa ummata Tigraay akka ta’aan beekameera

Itoophiyaa keessatti dhaabbilee miidiyaa maxxansaa fi Gaazexxaaf eyyama hojii kan kennu fi to’aatu Abbaan Taayitaa Biroodkaastiingii Itoophiyaa akka ta’e ni beekama.
Hogganaa Abbaa Taayitichaa Obbo Zaraa’aay Asigadoom dabalatee hoggantoonni olaanoon biroo hundu miseensoota Adda bilisa baasaa ummata Tigraay akka ta’aan ragaan argame mul’iseera
Akka ragaa kanatti, hogganaa abbaa taayiticha obbo Zaraa’aay dabalatee, Itti-aanaa hogganaa Obbo Li’uul Gabruu Gabraigzabiheer akkasumas Gabragiyoorgiis Abrahaa Kaahisaay immo Daayrikteera ta’uun olantummaan hogganaa jiru
Aaddee Gannaat Gabruu Ayyaal , Geetaachoo Girmaay Yemaanaa , Birshawaa Tafarraa Yaaftoom fi Gabrasillasee Gabragiyorgiis ogeessoota olaanoo ta’uun tajaajila akka jiran beekameera
Abbaan Taayitaa Boorodkaastiing Itoophiyaa miseensoota adda bilisa baasaa Ummata Tigraayiin hogganamu kun ji’oota muraasan dura Raadiyoo Faanaa fi Giddugala Odeeffannoo Waaltaaf eyyama tamsaasa Televizhiinii kennuun ni yaadatama
Miidiyaaleen lamaanuu qabeenya waayyaannee yoo ta’aan namoonni hoggansa irratti muudaman hundi miseensoota adda bilisa baasaa ummata Tigraay ta’uun isaanii himameeea
Hoggantoota Abbaa taayitichaa malees, miseensoonni waayyaannee dhaabbilee miidiyaa dhuunfaa fi mootummaa keessa hojjatan gabaasa fuula jahaa kanan maqaan isaanii tareeffameera
Akkaata ragaa kanan Gaazexxestoota dhaabbata Raadiyoo fi Televizhiinii Itoophiyaa keessa 67 miseensoota adda bilisa baasaa ummata tigraay akka ta’an beekameera
Dhaabbata Oduu Itoophiyaa keessatti immo Daayrikterichaa obbo Nagaasii Ambaayee dabalatee 8 guca miseensummaa guutuun miseensa akka ta’an himameera
Obbo Nagaasii Ambeeyee dhaabbata Raadiyo fi Televizhiinii Itoophiyaa keessatti hogganaa Suur-Sagalee ta’uun tajaajila akka turen maddeen oduu mirkaneessaniiru.
Miidiyaalee dhuunfaa jedhamanii beekaman keessa miidiyaalee haawasummaa irratti waayyaannee deeggaruun kan beekaman qophestoonni ‘Hoorn Afeeriisii fi Awurambaa Taayimiis’ obbo Dani’eel Birhaanaa fi obbo Daawwiit Kabbadaa dabalatee maqaan miseensoonni biroo tareeffameera
Ragaan kun miseensoota waayyaannee dhaabbilee mootummaa federaalaa fi magaala finfinnee keessa hojjatan muraasa kan ilaalatu yoo ta’u, miseensoota waayyaannee naannoo Amaaraa fi ummattoota kibbaa keessa hojjatan keessa akka hin jire beekameera