Lammiileen Oromoo Sababa Walitti bu’iinsa Daangaan Godina Baaleetti Buqqa’aan Hanqina Nyaataan Rakkoo Guddaaf akka Saaxilaman himameera.

Walitti Bu’iinsa Daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee lammileen Oromoo buqqa’anii godina Baalee aanaalee Raayituu, Daawwee Qaachan, Madda Walaabuu fi Daawwee Sarar Keessa qubatan hanqina nyaataan rakko guddaaf saaxilamaniiru
Lammiileen Oromoo Wucaalee fi Sumaaleelaand buqqa’aan godiina baalee keessa qubataniis hanqina gargaarsaan rakkoo hamaaf akka saaxilaman himameera
Lammiileen sababa weerara liyyuu pooliisii naannoo Sumaaleetiin gandoota godina baalee keessa qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aan beelaa fi gadadoon rakkachaa akka jiran himameera
Lammiileen kunniin ji’oota darban waan nyaatan dhabuun hidda mukaa fi baalaa nyaachaa akka turaan viidiyoo fi bareeffamoota marsaa hawaasa yookan feesbookii irratti gadhiifameera hubatameera
Lammiileen oromoo shira mootummaan waayyaannee xaxeen qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aan mana jireenyaa waan hin qabneef dirreerra ciisuuf dirqamaniiru
Akkasumas uffataa guyyaa fi halkanii gahaa waan hin qabneef daa’immaan guyyaa aduun halkan immoo qorraan miidhaa guddaaf akka saxilaman himameera
Lammiileen Oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aanii godina Baalee keessa qubatan kunniin midhaan nyaataa fi bishaan dhugaatii dhabuun dhukkuba hanqina nyaatan dhufun saaxilamu isaanii gabaafameera
Lammiiee Oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’anii godina baalee keessa qubataniif gargaarsi midhaan nyaataa fi bishaan dhugaatti hatattamaan kan hin dhiyaaneef yoo ta’ee, lubbuu namoota heddu guyyoota muraasa keessatti darbuu danda’a jedhame
Bulchiinsi Godinaa fi aanaa lakkofsa lammiilee buqqa’aan qabataman adda baasee qaama dhimmi ilaaluf kennu osoo qabu waan calliseef beelli fi gadadoo lammilee akka hammatu gumaacheera.
Gargaarsi lammiileen oromoo obbolaawwaan isaanii naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif gumaacha jiran rakko bulchiinsi godinaa fi aanaa uumaaniin qubattoota Godina Baalee bira gahu akka hin dandeenyees beekameera
Lammiileen Oromoo gammoojjii aanaalee Godina Baalee keessa qubatan midhaan nyaata waan hin qabneef hidda mukaa fi baala nyaacha jiru, uffata guyyaa fi halkaanii waan hin qbneef aduu fi qorraan dararama jiru bishaan dhugaatii waan hin qabneef dheebuun gadadoo guddaa keessa jiru.