Mootummaan Itoophiyaa Himaannaa himatamtoota Siyaasa 528 addaan citee akka gadhiifaman beeksise

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa hidhamtoota Siyaasa 528 himnnaan isaanii addaan citee akka gadhiifaman beeksise Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa obbo Geetaachoo Ambaayee ibsa gaazexxestoota biyyaa keessaaf gaafa wixaata kennan ulaagaan hidhamtoonni siyaasa ittin gadhiifaman himaniiru Hidhamtoonni siyaasa yakka heera mootummaa humnaan diiguu keessatti hirmaatan akka gadi hin dhiifamne obbo Geetaachoon dubbatan Hidhamtoonni siyaasa bu’uralee misoomaa gurguddoo irratti miidhaa geesisuuf yaalaan , ...

Read More »

Naannoo Oromiyaatti ji’oota 6n darbani keesstti meeshaaleen koontirobaandii Birrii miiliyoona 94 oliitti tilmamammaan to’aannoo jala akka oolfaman himame

Naannoo Oromiyaatti qindomina Ummataa fi pooliisii Oromiyaattiin ji’oota jahan darban qofa meeshaalee daldala seeran alaa fi koontirobaandii Birrii miiliyoona 94 fi kuma 800 olitti tilmamammaan to’aanno jala oolfamu gabaafameera Daldalli seeraan alaa,kontirobandii fi kiraa sassaabdummaa jeneraloonni fi kampanoon waayyaannee baay’inaan keessati hirmaatan kun diinagdee Oromiyaa fi biyyaa miidhaa akka ture himame, Daladalli Koontiroobaandii kampanoonni fi jeneraloonni waayyaannee olantummaan to’aatan diinagdee ...

Read More »

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Dhimma Biyyaa fi Naannoo irratti xiyyeeffachun Maqaleetti mari’achaa akka jiru himame.

Addi bilisa Baasaa ummata tigraay yaa’ii dhaabaa 7ffaa magaala maqaleetti jalqabeen dhimmoota biyyaa fi naannoo irratti mari’achaa jira Deeggartoonni fi miseensoonni waayyaannee akkasumas gaazexestoonni miidiyaalee hawaasummaa irratti dhaabbatichaa deeggaruun gabaasan dabalatee waliigalaatti hirmattoonni 2500 ol yaa’ii kanarratti hirmaacha jiru Hoggantoonni paartiilee michuwwaanii fi obbolaa yaa’ii kanaratti ni argamu jedhame eegamus Pirezedantiin Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa fi gitnisaanii naannoo Amaaraa ...

Read More »

Bulchiinsi Mootummaa waayyaannee suphaa kaminuu damdamatee ka’uu akka hin dandeenye Pirezedantiin Eritiraa Isayyaas Afawarq beeksisaan

Mootummaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Itoophiyaa bulcha jiru amman booda suphaa kamuu yoo taasifameef sadarkaa ka’uu hin dandenyeera gahuusa Pirezedant Isayyaas himaniiru Taankii fi meeshaalee waraanaa biroo qabatanii hanga magaala finfinnee kan deemaaniif fayeeda Ummatoota biyyoota lamaniif jecha akka ture obbo Isayyaasa yaadataniiru Ummanni Itoophiyaa fi Eritiraa kisaara shira mootummaa waayyaanneen isaniira gahee yeroon deebisanii itti gonfatan fagoo akka ...

Read More »

Ijipt biyyoota Sudaan fi Itoophiyaa wajjiin waraana akka hin barbaanne Pirezedant Abdul Fattaah Al-Siisii Beeksisan

Pirezedantiin Ijipt Abdul Fattaah Al-Siisii gaaffii fi deebii televizhiinii biyyaa isaanii wajjiin taasisaniin akka jedhanitti biyyi isaanii Sudaan fi Itoophiyaa wajjiin waraana keessa seenuu hin barbaaddu. Ijipt biyyoota Obbolowwaan fi kamuu wajjiin wal waraanu fi dhimma keessoo biyyaa kamuu keessa akka hin seene Pirezedaant Al-Siisiin himaniiru Ijipt biyyoota ollaa hunda wajjiin walitti dhifeenya gaarii qabdu cimistee itti fufti jedhan Oduu ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Hidhamtoota Siyaasaa irratti Adabbii Hidhaa waggaa 15 hanga 18 Murteesse

Manni Murtii Sobaa waayyaannee hidhamtoota siyaasa 33 irratti adabbii hidhaa waggaa 15 hanga 18 itti murteesseera Mana murtii olaanoo Federaalaatti dhaddachi yakkaa 19ffaan namoota galmee obbo Miiftaah Shee Siruur jalatti Ginboot Sabaattiin himataman 33 irratti murtii adabbii hidhaa kana gaafa kamisaa murteesseera Namoonni kunniin ilaalcha siyaasa qabaniin qofa yakka shororkeessummaan himataman kan itti murta’ee ta’u himameera. Himatamtoonni biroo galmee kana ...

Read More »

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa Jiraatan sharafa alaa gara biyyaa akka hin ergine ugguruun mootummaa waayyaannee akka rifachiise Gurmuu Lammiilee Itoophiyaa Idila Addunyaa beeksise

Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan sharafa Alaa gara biyyaatti akka hin ergine ugguruuf Gurmuu Lammiilee Itoophiyaa Idila Addunyaarra waamicha dhiyeessuun kan yaadatamudha Kaayyoon duula uggura sharafa alaa kun humna mootmmaa abbaa irree waayyaannee dadhabsisuun umiriisaa gabaabsun darara ummatarra gahu hambisuu akka ta’e himameera Lammiileen Itoophiyaa maatii isaanii gargaaruuf, ijaarsaa fi daldalaaf maallaqa gara biyyaa erguu yeroof akka dhaaban Gurmuu Lammiilee ...

Read More »

Obbo Addisuu Laggasaa shira dhimma Qimaant ilaalchisuun ummata addaan qoodu jalqaban cimsanii akka itti fufan himame.

Obbo Addisuu laggasaa gara magaala Gondar imalun namoota Koree Qomaant ofin jedhanii fi ergama waayyaannee raawwachuuf hundeeffaman wajjiin Amajjii 2 bara 2010 akka mari’atan himame Miseensoonni Koree Qimaant kunniin haala qoodinsa qabeenya paartii Warraqsa Dimokirasumma Sabaa Amaaraa fi wadhakaan gandoota magaala Ayikaal kan Amaaraatti yaada jedhu akka morman obbo Addisuutti himaniiru Paartii Warraqsa Dimokirasumma Sabaa Amaaraa naannicha bulcha jiru diina ...

Read More »

Baankiin Misooma Itoophiyaa liqii Invastaroota damee Qonnaa babal’aa rooban misoomu irratti bobba’aniif kennu akka dhaabe himame.

Baankiin Misooma Itoophiyaa Abbooti qabeenya damee Invastimanti qonna bobba’aan jajjabeesuuf birrii biiliyoona heddu liqiin kennaa tureera. Baankiichi abbootii qabeenya invastimantii damee qonnaa babal’aa naannoo Gamabeellaatti misoomsan jajjabeessuuf birrii biiliyoona shanii ol liqiin kennuusa beekameera Baankiichi rakkoolee Invastimantii qonnaa naannoo Gambeellaa keessatti mudate wajjiin walqabatee bara 2008 irra jalqabee maallaqa liqiin kennu dhaabuuf dirqameera Naanniichaatti abbootii qabeenyaa invastimantii qonnaa irratti bobba’aniif ...

Read More »

Manni Murtii olaanoo Federaalaa Hoggantoota Kongirasii Federaliistii Oromoo Arfan sababa Dhaddacha Jeeqxan jedhun hidhaa Ji’a Jahaa Itti Murteessee.

Manni Murtii Sobaa Waayyaannee Hoggantoota Olaanoo Kongirasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa,Obbo Dajanee Xaafaa,Obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo sababa dhaddacha jeeqxan jedhuun adabbii hidhaa ji’a jahaa itti murteessee Himatamtoonni Siyaasaa Oromoo arfan murtii hoggantoonni mootummaa olaanoo ragaa ittisaaf lakkawaman dhiyaatanii ragaa bahuu hin qaban jechun murtii kenname waan mormaniif dhaddacha jeeqan jedhamanii hidhaan ji’a jahaa kan itti murteeffame. ...

Read More »