Doktor Maraaraa Guddinaa Mana Hidhaati Gadhiifaman

Dura taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo fi hayyuun Siyaasa Dr Maraaraa Guddinaa Amajjii 9 bara 2010 mana hidhaa waayyaannee waggaa tokko oliif itti hidhaman keessa gadhiifamaniiru
Dr Maraaraan murtii mootummaan waltajjii siyaasa bal’isuu fi araara biyyooleessaa buusuuf hidhamtoonni siyaasa itti murta’ee fi dhimmi isaanii abbaa alangaa himaannaarra jiru addaan citee akka gadhiifaman beeksisu hordofun akka ta’e himameera
Haaluma kanan, hidhamtoota himaannaan isaanii addaan citee mana hidhaa mootummaa federaalaatti marsaa jalqaban gadhiifaman 115n keessa Dr Maraaraa Guddinaa fi Dr Rufa’eel Disaasaa ni argamu.
Dr Maraaraa Guddinaa mana hidhaa Qilinxootti gadhiifaman gara mana jireenya isaanii wayita galan jirattoonni fi qeerroon magaala Buurraayyuu kumatamatti lakkawaam Tiishaartii suuraan isaanii irra jiru uffachun hamilee guddaan simataniiru
Qeerroon fi deeggartoonni baay’een mana hidhaa Qilinxootti isaan simachuuf dhaqaniis bulchiinsi mana hidhichaa konkolataa ofiin hanga mana isaanii akka geessu itti himun gara Burrayyuutti deebi’aniiru.
Deeggartoonni fi jaalatoonni Dr Maraaraa Guddinaa ‘qeerroon ni qorata malee hin qoratamu’ dhadannoo jedhu dhageessiisa goota isaanii mirga ummataa Oromoofumirii guutuu qabsa’aan hamilee guddaan simataniiru.
Dr Maraaraan Qabsoo saba isaanii karaa nagaa fi seeraan akka itti fufan namoota kuma heddu isaan simateetti himaniiru
“Mootummaan kun harkuma tuqeen warra nu jalaa hafaniis akka nuuf hiiku gaafachu itti fufna. Boruu fi iftaan garuu hojii gubbaatti walagara” jechun Dr Maraaraa Guddinaa qabsoo mirgaa fi walqixxummaa sabaa isaaniif jalqaban akka itti fufan beeksisaniiru.
Dr. Maraaraa Guddinaa guyyoota 413f badii tokko malee mirga ummata Oromoof waan falamaniif jecha mana hidhaa mootummaa waayyaannee keessatti dararamaa turun gadhiifamaniiru
Bifum walfakkatuun hidhamtoota siyaasa Oromoo biroo mana hidhaatti gadhiifamaniif magaala Burraayyuu, Amboo Naqamtee fi Shaashamanneetti simaannaa guddaan ummataan taasifamaaf jira.
Jirattoonni magaloota kanniin kumatamatti lakkawaman sirbaa fi dhadannoo adda addaa dhageesiisaa gootota isaanii simachaa akka jiran ragaaleen mul’isaniiru.