Hoggantoonni Olaanoon Kongirasii Federaliistii Oromoo Murtiif Beellamamanii Turan Mana Murtiitti hin Dhiyaanne jedhame.

Hoggantoonni olaanoon Kongirasii Federaliistii Oromoo qondaltoonni mootummaa ragaalee ittisaan mana murtiitti dhiyaatanii akka hin ragneef ittisamuu waan mormaniif sababa dhadacha jeeqan jedhun hidhaan ji’oota jaha itti murta’uun kan yaadatamudha.
Hidhamtoonni siyaasa Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo, obbo Addisuu Bullaallaa fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoonni biroo murtiidhaaf amajjii 10 bara 2010tti mana murtiitti beellama qabu ture
Hidhamtoonni Siyaasa Oromoo mana murtichaatti kan hin dhiyaanneef guyyaa beellamaa sirritti waan hin dhageenyeef akka ta’e bakka bu’aan bulchiinsa mana hidhaa dhaddachaatti himaniiru
Manni murtichaas hidhamtoota Siyaasa Oromoo kanniin irratti murtii kennuu fi manni hidhaas hidhamtoota sababa maaliif akka hin dhiyeesinee deebii akka kennu amajjii 28 bara 2010tti beellameera
Oduu biraan, hidhamtoonni siyaasa galmee obbo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himamatamn Abdataa Naggasaa, Galaanaa Nagaraa ,Yuusuuf Alamayyoo, Hiikaa Takluu, Gammachuu Shaanqoo, Magarsaa Asfaaw,Lammii Edatoo, Abdii Tamiraat, fi Abdiisaa Kumsaa gaafa wixaata hiikamu isaanii manni murticha beeksiseera
Kana duras hidhamtoonni Siyaasa oromoo galmee obbo Gurmeessa Ayyaanoo jalatti himataman shan bilisaan gadhiifamun kan yaadatamudha
Hidhamtoonni siyaasa galmee kana jalatti himatamanii dhimmi isaanii ilaallamu itti fufu Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo, obbo Dajanee Xaafaa , obbo Addisuu Bullaallaa, obbo Baqqalaa Garbaa, obbo Geetuu Girmaa, obbo Bayyanaa Ruudaa, obbo Tasfaayee Liibaanii fi Obbo Darajjee Margaa akka ta’an beekameera
Manni Murtii olaanoo Federaalaa Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo, obbo Dajanee Xaafaa , obbo Addisuu Bullaallaa fi obbo Baqqalaa Garbaa dhaddacha jeequu sababa jedhun amajjii 3 bara 2010 hidha ji’a jahaa itti murteessuun ni yaadatama.