Biyya Seraaliyoonitti filannoon prezedaantummaa geggeeffamaa jira.

Lammiin Saraaliyoon presedaantii biyyaa haarawa filachuuf sagalee kennachaa jiraachuun himame.
Presedaantiin haarawni filamuuf jiraatu biyyattii rakkoo deenagdee keessaa baasuff hujii guddootu isaan eeggaata jedhameera.
Presedaantin Irnast Baay kooromaa kan woggoota shaniif angoo biyyaa irra turan akka heera biyyaatti akka dorgommii filannoof dhihaachuu hin dandeenye Gaazexaan Faransaawii Firaans 24 gabaaseera.
Bakka isaanii paartii biyya bulchaa jirtu Ool Piyuupiilin jedhamtu bakka bu’uun ministeerri dhimma alaa biyyattii Saamuraa Kaamaaraa akka dorgomu himeera.

Filannoo lammiileen miliyooniin 3.1 sagalee kennuuf of galmeeysan tun xumuramuuf akka sa’aa biyyatii tti hanag halkan walakkaa 12:00: AM akka turu gabaafamera.

Juuliyas Maadaam kan Garee mormitootaa paartii SPP irraa dorgomaa jiran hanga ammaatti filannoon bifa qaceelaa taheen akka geggeeyfamaa jiru hubachiisuun yo kan filannoo bifa bilisaan akka deema jiruun xumurame tahe itti baha filannoo gammachuun akka fudhatan hubachiisaniiru.
Ummatoota Biyya Seraaliyoon biratti Mormaan muutummaa Juuliyas Maadaam akka presedaantii biyyaa tahuun filanaitti eeggamaa jira.
Dorgomaan Paartii mootummaa Saamuraa Kaamaar yo kan moohu taahe shoorarkaan guddoon biyyatti qunnamuun akka malu odeeyfannoon gabaafamuun barame.
Rakkoon diinagdee biyyatti miidhaa waan jirtuuf Presedaantii filamuuf jiraatu hujiin guddoon akka isaan mudachuuf jiraattu ifatti ibsamaa jira.

Itti bahinsi filannoo Seraaliyoon torbee lama booda labsamuuf jiraata.
Biyyattiin Seraaliyoon erga gaafa bara 1961 gabroomfattoota Awrooppaa irraa bilisa baate asi baroota 57n darban paartii laman qofaan bulaa turteera.