Labsii yeroo muddamaa labsame ilaalchisuun paartiin kongrasii federaalistii oromoo ibsa baase

Ibsi kongrasiin federaalistii oromoo baase kun akka ibsutti labsiin yeroo muddamaa labsame rakkoo biyyattii kan hiiku osoo hin taane balaa hamaarra kan buusu ta’uu hubachiisuun labsiin kun akka haqamu akeekkachiisee jira.
Akka ibsa kanaatti labsii yeroo muddamaa mana maree bakka bu’oota uummataatiin adeemsi itti irra ga’e gaddisiisaa ta’uusaati.
Akka heera mootummaatti miseensota mana maree 547 keessaa labsiin kun sagalee caalmaa 2/3’n ragga’uu qaba ture.
Murtiin raggaate ja’amte tun garuu sagalee deggersaa 346, mormii 38 fi namoota sagalee kennuu irraa of qusatan ykn callisan 7 akka ture ni beekama.
Akka heeraatiin ragga’uu dhiisuu eega beekaniifi miseensonni galma keeysaa erga bahanii booda afa yaa’iin mana maree sagalee deggersaa gara 395 tti ol guddisuun sagaleen miseensota mana maree saamamuu isaa ifaa ifatti saaxilamee jira. Kanaan wal qabatee haala baay’ee nama gaddisiisuun miseensi mana maree tokko sagalee deggersaatiif harka lamaan baasuufi kanneen biroo miseensota sagalee deggersaa kennuu didanitti ija wayita babaasan miidiyaaleen ifatti ba’ee jira.
Kanaafuu kongrasiin federaalistii oromoo cabiinsa mirga namoomaatiifi cabiinsa seeraa kana cimsee morma.
Labsiin yeroo muddamaa haal duree seerri kaa’uun waan hin labsamaniif fedhii, uummata biyyaa kan miidhe waan ta’eef fudhatama hin qabu jechuun paartiin kongrasii federaalistii oromoo ibsa isaa Kanaan akeekkachiisee jira.
Labsiin yeroo muddamaa mana maree bakka bu’ootaan erga labsamee kaasee nageenyii fi tokkummaan biyyattii sadarkaa yaaddessaa irra ga’ee jira.
Lammiilee yaaddoo cimaa keessa galchee waan jiruuf paartiin biyyattii bulchuu fi mootummaan akka itti dhaga’amuuf tarkaanfii sirreeffamaa hatattamaan akka fudhatu kongrasiin federaalistii oromoo ibsa ejjennoo qabxii 4 of keessaa qabu akka armaan gadiitti baasee jira.
1. Kongrasiin federaalistii oromoo cabiinsa heera mootummaa kana qaama seera dhimmichi ilaallatuuf dhiyeessuun akkuma eegamutti ta’ee, labsii yeroo muddamaa uummata keenya irratti fe’ame kana kan hin fudhane ta’uu beeysise.
2. Uummanni keenya qabsoo haqaafi diimokraasii karaa seeraafi nagaadhaan jalqabe osoo addaan hin kutin cimsee akka itti fufu waamicha keenya dhiheessina.
3. Labsii Kanaan wal qabatee cabiinsa seeraafi miidhama lammiilee irra ga’aa tureef gahaa jiruuf adawaawiifi mootummaan addawaawaawii itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’a.
4. Fi inni xumuraa Uummattootni, sabaaf sablammootni Ethiopia, mootummootni addunyaa, dhaabbileen idila addunyaa, mootummoonni naannolee, qaamonni nageenyaa uummata keenya keessaa dhalanne jettan, lammiileen Ethiopia guutummaa addunyaa keessatti argamtanii fi hawaasni addunyaa martinuu biyyi keenya itiyoophiyaan rakkoo wal xaxaa fi yaaddessaa keessa galaa jirti waan ta’eef, akka nuuf birmattan waamicha isiniif dhiyeessina. kongrasii federaalawaa oromoo Finfinnee guraandhala 27 /2010
Haala qindaa,aa fi ifaa ta,een kongrasiin federaalistii oromoo ibsa ejjennoo kana dhiyeessanii jiru.