Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun gareen Komand poostii hoogantoota OPDO fii poolisii Oromiyaa hidhuu itti fufan.

Murtee manni maree bakka bu’oota uummataa Jimaata darbe bifa wal falmisiisaa ta’een Labsii yeroo muddamaa hojiirra oolche irraa kan ka’een lagannaan gabaa guutuu Oromiyaa keessatti guyyoota sadihiif bifa qindaawaa taheen taasifameeti ture.

Sababaa laggannaa gaaatiin hujiiwwan mootummaa, baakiileen, daldalli fi tajaajilli geejibaa guutuu Oromiyaa addaan cite oleera.

Uummanni manneen daldalaa akka banuuf dirqisiisuun akkasumas akeekkachiisa kennuun gareen komaand Poostii ummata sodaachisaa turaniiru.

Haaluma kanaan, aangawoota bulchinsa Oromiyaa sadarkaa adda addaa fii ajajoota poolisii Oromiyaa hidhuu itti fufuun Ajajaan poolisii Godina Wallaggaa Bahaa Komaandar Caalaa Tasammaafi kantiibaan Naqamtee Kabaa Hundee Agaaziidhaan hidhamanii jiru.

Ajajaan Poolisii Godina Iluu Abbaa Booraa, komaandar Nagaraa Dhufeeraa ammaan dura hojjataa dame tika wayyanee kan ummata dararaa ture waan hidhee tureef komand postiin haloo bahuuf hidhaniiru.

Ajajaan kora Bittineessaa oromiyaa Komandar Iyyaasuu jedhamu kaleessa akkuma ummata baqatee Hammarreessa jiru laluudhaaf dhaqeen Agaaziidhaan qabamee Misraaq Izz keessatti shofeera isaa waliin hidhaa jira.

Humni raayyaa ittisa biyyaa ummatoota lagannaa gabaa qendeessan ittin jedhan manneen jiraattotaarra deemuun ukkaamsanii hidhaa jiraachuun bal’inaan itti fufufeera.
Godinaa harargee Bahaa Magaalaa Aawwadaay keessatti guyyaa Roobii kalessaa dargaggoon Iliyaas Ahmad Alishoo Jedhamu raayyaa Waraanaan dullaan tumamee ajjeefamuu maatiin saa raadiyoo sagalee Ameerikaa dame Afaan Oromoo tiif ibsanii jiran.
Raayyaan Ittisa biyyaa Magaalaa Aawwdayaa ,Haramayaa fii Hirnaa keessa deemuun dargaggoota tumaa hidhaa jiraachuun gabaafameera.

Karaa biraan immoo, bulchinsi oromiyaa walgahii ariifachiisaa geggeessaa ture sababaa komaand Poostiin addaan kutuun himameera. Jalqaba marii caffee irratti mormii fi garaa garummaan miseensota gidduu jiraachuu fi miseensonni quuqama sabaa qaban ifatti sabaaf mormuu isaanii OBN gabaasee tureera.
Mootummoonni Dhihaa fi gamtaan LYM hatattamaan akka ka’uu fi mirgi bilisummaan irra bal’aan ummataaf akka malu akeekkachiisaa jiran.