Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa Reeksi Tiilarsan daawwanaa Afrikaa irratti guyyaa har’a yunivarsitii George Mason ti haala daawwannaa isaaniif ibsa kennan.

Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa imala Ethiopiaa fi biyyoota Afrikaatti geggeessuf deemani irratti michooma Ameerikaan biyyoota Afrikaa wajjiin qabdu irratti ibsa gazeexeessitootaaf guyyaa har’aa Yunivarsitii George Mason ti godhaniiru. Ibsa isaanii irratti Afrikaa keessatti haala kabajamuu mirgoota dhala namaa, guddina adeemsa dimokraasii fii sirna bulchinsa gaarii jiraachuun hunda caalaa barbaachisaa akka tahe hubachiisaniiru.
Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa Reeksi Tiilarsan waa’ee mormii waggootaaf biyya Itoophiyaa keessatti gaggeefamaa jiruufi siyaasa biyyatti ilaalchisuun hoogganoota Itoophiyaa waliin ni mari’atu jedhamee eegama.
Daawwannaan kun dhimmoota haala Itoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtuufi michooma biyyoota lamaan gidduu jirurratti mariyachuuf Itoophiyaa daawwatu.
Mormii waggoota sadii oliif tureefi hojii gadi dhiisuu muummicha ministiraa Hayilrmaariyaam Dassaaleny waliin walqabatee yeroo Itoophiyaan rakkoo siyaasaa hamaa keessa jirtudha.

Tilerson yeroo jalqabaaf Bitooteessa 6 hanaga 13tti bara 2018 Afrikaatti kan imalan yoo ta’u Itoophiyaa, Jabuutii, fi biyyoota Afrikaa sadii dabalatee akka daawwatan barameera. Tiilarsan hoogganoota biyyoota kaneeni fi koomishina gamtaa Afrikaa Finfinee wajjiin akka wal-arguuf jiraatan ibsuun qunnamtiin tun caalatti michooma Ameerikaa fii biyyoonni Afrikaa waliin qaban gargaara jedhan.
Imalli Tillerson, kun daawwannaa aanga’waan Raashiyaa gita isaanii Sergay Lavrov torbeedhuma kana Angoolaa, Itoophiyaa, Mozaambikii, Namibiyaafi Zimbaabuwee daawwachuuf jiran waliin walirra bu’eeti jira.