Oromiyaa Godina Booranaa magaalaa Moyyaalee keessatti Bitootessa 10 bara 2018 namoonni 10 raayyaa ittisaa motummaatiin ajjeefamuu fi kanneen biroon 11 madaa’uu aangawonni mootummaa ibsanii jiru.

Haleellaa raayyaan ittisa biyyaa guyyaa Sanbataa ‘ragaa dogoggooraatiin’ jedhee jiraattoota magaalaa Moyaalee irratti baneen namoonni 10 ajjeefamuu, kanneen 11 ta’an ammoo madaa’uufi jiraattoonni kumaatamaan lakkaa’amanis daangaa qaxxaamuruun gara Keeniyaatti ce’anii jiraachuun beekame.

Kantiibaan Magaalaa Mooyyaalee Obbo Aschaalo Yohaannis, jiraattoonni naannoo keessattuu lafa Shawaa Barrii fi duwwaa tokko irraa baqachuun gara Keeniyaatti ce’uusaanii BBC’tti himaniiru.
Bulchaan Aanaa Obbo Bagajaa Mooyaalee gama isaanitiin lafa Caamee jedhamtuufi magaalaa irraa fageenya kilomeetira muraasa irratti bakka argamtutti dhukaasni jiraachuufi yoo xiqqaate namni tokko madaa’usaa himan.

Gama kaaniin Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo jiraattota Mooyyalee kanneen ajjeechaa Sanbata darbee baqatanii Keeniyaa seenan bira dhaquun laalanii akka jiran voan gabaasee jira.
Namoonni ajjeechaa jiraattota irratti raaw’atan akka seeraaf dhiyaatan qondaaltota dhimma nageenyaa kan naannoo Oromiyaa fi Kan Federaalaa bira qaamaan dhaqanii akka gaafatanis dubbatanii jiru.
Namootni Mooyyalee dhaa baqatanii amma Keeniyaa, naannoo ‘SEESSII’ ja’amtu jiran akka gargaarsa argatan mootummaan keeniyaa dhaabbatoota tola-ooltotaa ergee jira.
Kanaan duras raayyaan ittisa biyyaa magaalaa moyyaaleetti yeroo sadiif ajjeechaa raawwachuun waa’ee ajjeechaa kanaaf hamma yoonaa namootni yakka sana dalagan murtiif akka hindhihaatiin beekkamaadha.
Dabalataanis raayyaan ittisa biyyaa gandootii baadiyyaa naannoo moyyaalee keessa jiran keessa naanna’anii uummata sodaachisaa jiraachuun beekameera .
Kanarraa kan ka’e jiraattonni hedduun ammas qe’ee dhiisanii gara keeniyaatti cehaa jiru.