Rakkoo tiraafikaa tiin wal-qabatee Atoobisa tokko keessati lubbuun namoota 38 ajjeefamaniiru.

Balaan atoobisaa lubbuu namoota 38 galaafatte kun godinaa Walloo kibaa Aanaa Lagaamboo bakka Gannat Salaam Bar jedhamutti aka tahe barameera.
Balaa tanaan lubbuun namoota 38 ajjeefamuun namootni 10 madaan hamtuun irra gahuun hoospitaala Dasee keessatti waldhaanamaa jiraachuun himameera.
Atoobisni namoota 48 fe’ee deemu Aanaa Lagaamboo ganada Gannatee Salaam bara jedhamutti lafa gadoo meetira 5 utaalee seenuun akka ummata galaafate beekameera.
Biiya Itoophiyaa ti balaa konkolaatotaatiin waggatti lubbuun lammiilee komaatamatti lakkaawamanii ajjefamuun baayyeenis akka balaa hamaaf saaxilaman yero irraa gara yerootti gabaafamaa truun kan yaadatamuudha.