LABSIIN YEROO MUDDAMAA RAGGAASSIFAMUU IRRAA KAN KA’E LAGANNAAN GABAA GUUTUU OROMIYAA KEESSATTI ITTI FUFE.

Sababa lagannaa gabaatiin tajaajilli geejjibni magaalaa Finfinnee addaan cite jiraachuun beekamee jira.
Jiraattonni magaalota naannawaa Finfinnee kan akka Buraayyuu, Laga Xaafoo fi Sabbataa , taajaajjilli geejjibaas ta’e daldalli guutummaan guutuutti akka hin jirre beeksisaniiru.
Mormiin lagannaa gabaa Labsiin yeroo muddamaa hojiirra ooluu balaaleffachuuf guyyoota sadiif guutuu Oromiyaa keessatti waamame addaan cituu tajaajila geejjibaafi daldalaaf sababa ta’eera.
Murtiin manni maree bakka bu’oota uummataa Jimaata darbe bifa wal falmisiisaa ta’een Labsii yeroo muddamaa hojiirra oolchuuf murteessan guutummaa Oromiyaa keessatti mormii cimaa uumeera.
Mormiin lagannaa gabaa fi tajaajila geejjibaa kun magaalotaa fi godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti bifa walfakkaataan gaggeeffamaa jira.
Akkasumas, ‘manneen baankii, hoteelonni, dunkaanonniifi manneen daldalaa hundi cufaa ta’uun beekameera.
Magaalaa Amboottis bifa wal fakkaatuun tajaajjilli geejjibaafi sochiin daldalaa hundi adda cituu fi magaalatti keessa humni waraanaa cimaan akka jiru madden oduu ibsaa jiru.
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti mormiin bifa wal fakkaatuun yoo itti fufu har’a ganama dargaggoota daandii cufanii mormaa turan irratti dhukaasa humnoonni nageenyaa bananiin namoonni afur rasaasaan dhahamanii hospitaala galuu isaanii jiraataan aanichaa tokko dubbatee jira.

Labsiin yeroo muddamaa Itiyoophiyaa keessatti raggaasisamuu mormuudhaan har’as godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti mormiin hojii dhaabuu kan geggeessamaa jiru tahuu isaa fi sababa kanaan raayyaan ittisaa namoota haleeluu fi itti dhukaasuu isaaniin namoonni du’uu fi kaan madaa’uun beekamee jira.
Godiina Jimmaa aanaa saqqaa coqorsaa keessatti namoonni shan rasaasa raayyaa ittisaan dhahamanii lama du’uun jiraattota irraa kan hubatame yoo ta’u, bulchaan magaalatti garuu nama tokkootu du’e sadiitu madaa’ee jedhan.
Godiina Harargee Dhiyaa magaalaa Ciroo keessatti dargaggeessi tokko waraana mootummaan dullaadhaan tumamaa erga turee booda dhuma irratti miliquuf yaallaan rasaasaan ajjeefamuu kanneen ijaan argan dubbatanii jiru.
Godiina Baalee magaalaa Robee keessattis polisoonni Oromiyaa dargaggoota hedduu hidhuu, hedduu tumuu fi madeessuu isaanii jiraattonni dubbatanii jiru.
Godiina Shawaa kaabaa magaala Suluultaa keessatti daandiitti hin ba’iinaa jechuun namoota qabanii to’annaa jala oolchuuf namni tokko reebicha hamaa irra ga’e irraan kan ka’e haala lubbuuf sodaachisu keessa akka jiru kan ibsamee yoo ta’u hospitaala geessuuf immoo daandileen cufamuun jiraattonni ibsanii jiru.
Oduu biroon, bulchinsa naannoo Amaraa bakkee gara garaatti daandiileen cufamuun mormii guutuu biyyatti geggeeffamaa jiruti makamaa jirachuun gabaasameera.
Guyyaa Kibxata har’aa daandiin magaalaa gondarii matammaa deemu gutumaan guututti cufameera.
Daandiin Gondar, cilgaa, naggaadee Baahir, matammaadhaan biyya Suudaan deemu cufamuun konkolaatota fe’ina fii konkolaatota boba’aan deemanirra rakoon guddoon gahaa jiraachuu ragaaleen mulisaniiru.
Kun kanaan tahee osoo jiruu, mormiin lagannaa gabaa Wal-qixxee, hosaa’inaafi Waraabe ti geeffamaa jirtu akka magaalota bulchinsa Kibbaa qaqqabdu waaminsi godhameera.