Daawwannaa dippilomaasiif gara Afriikaa kan deeman Ministeerri Haajaa alaa Ameerikaa Reeksi Tiilarsan haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruun wal walqabatee labsiin yeroo muddamaa Ameerikaa kan yaaddesse ta’uu ibsachuushee dubbatan.

Ministeerri dhimma Alaa Ameerikaa Reeksi Tilarsan biyyoota Afrikaa shan (Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Jibuutii, Chaadii fi Naayijeeriyaa) daawwachuuf kan karoorfatan yoo tahu, guyyaa kaleessaa jechuun akka laakkoofsa Itiyoophiyaa guraandhala magaalaa finfinnee akka seenan ni yaadatama.

Ministeerri dhimma alaa Reeksi Tilarsan turtii Itoyoophiyaa keessatti taassisuuf deeman keessatti dhimma ministeera muumichaa haaraa filamu irratti bulchiinsi itti aanu maal fakkaachuu akka qabu irratti marii geggeessuuf kan deeman yoo tahu, Jaarmayaaleen akka ijaaramanii fi jarmayaaleen jiranis jajjabeeffamuu qabu kan jedhu irratti xiyyeeffannoon kennamee mariin geggeeffamuuf akka jiru beekameera.

Haaluma Kanaan wal qabatee guyyaa har’aa ibsa kennaniin ”Jijjiraamni siyaasaa, guddinni dinagdee fi nageenya walitti fufiinsa qabu fiduuf, daangaawwan kaa’urra adeemsi siyaasaa hunda hammatu furmaata kennuuf murteessaa ta’u amanna,” jedhan.
Ibsa har’a ministira dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Warqina Gabayahu waliin kennaniin akka mul’isanitti humnootiin nageenyaa tarkaanfii humnaa irraa akka of qusataniifi mirga bilisaan yaada ofii ibsachuu akka kabajaniif gaafachuu, hubachiisaniiru.
Karaa biraatiinis, waa’ee balaa liqii biyyooti afriikaa Chaayinaa irraa fudhatan ilaalchisuun ammas akeekachiisan.
Haasaa magaalaa Finfinneetti har’a taassisaniin, Ameerikaan maallaqa Chaayinaa afriikaan alatti ittisuuf yaalaa jirti osoo hin taane, biyyattiin liqii deebisuu yoo dadhabde bu’uuraalee ykn qabeenya to’achuu dadhabuun balaa qabaata, jedhaniiru.

Ameerikaan walitti dhufeenyaashee Afriikaa waliin qabduuf amanamtu waan taateef Pirezidaanti Tiraampi dura taa’aa Gamtaa Afriikaatiif xalayyaa barreesseeras jedhaniiru.