Wal-ga’iin koree hujii raawwaciiftuu ADWUI haala cimaa taheen geggeefamuu ittu fefeera.

Walgaiin Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa dilbata darbe irraa eegalanii marii cimtuu mormaa baayyee ammatte jalqaban. Marii irratti mormiin cimtuun akka jirtu dhagahameera.
Wal-ga’ii tana irratti bakka dura taa’aan fedhii isaaniitiin taayitaa gadhiisan bakka Obboo Haaylamaariyaam Dassaalany dura taa’aa addichaa filuuf ture yeroo hin baraminiif akka dheeratu yaadni dhiyaachaaa jiraachuun dhagahame.
Dr. Abiyi Ahimad kan lammiilee biyyaa fii biyyoota dhihaa keesuma biyya Ameerikaa biratti muummee Ministeeraa gaarii taha ja’amee fudhatame garee biyya bulchaa jirtu TPLF biratti fudhatama akka hin argatin himameera.
Dhaaba Biadin kan naannoo Amaaraa bulchu keessaa gareen Obboo Barakat Simoonis akka Filtamuu Dr. Abyi Ahimad morman barameera.
Miseensonni Dhaaba bulchinsa Naannoo kibbaa akka dhaaba TPLF tti guutumaan guututti mormuu baataniis miseensonni irra caalaan filatamuu Dr. Abiyi Ahimad akka murman ibsameera.
Akka gabaasaan miliqaa jiru ibsutti, filatamuun dura taa’aa addichaa filuuf ture yeroo hin baraminiif akka dheeratu yaadni obboo Barakat Simooniin dhiyaate fudhatam argachaa akka jiru barameera.
Akka Obboo Barakat Simoon jedhutti Filatamuun Dura taa’aa ADWUI hanga Labsi Yeroo Muddamaa kaafamutti akka dheeratu tureera. Yaadni Obboo Barakat Simoon dhiheessu hooggantoota TPLF biratti guutumaan guututti fudhatama qabaachuuniis dhagahameera.
Ji’oottan jahan Komaandi Poostiin labsame kana keessatti Caasaalee ADWUO(OPDO) diiguun garee Lammaa Magarsaa warren aantummaa Sabaa mul’isan dhabamsiisuun abbootti garaa isaaniif ajajamu akka bakka buusuuf karoorfatan hubatameera.
Ji’oota jaha guutuu biyyattiin Muummee Miniteeraa malee yo kan jiraattu ta’e qeeqni cimaa biyyota dhihaa irraa isaan qunnamuuf akka jiraatu hooggantoonni TPLF tokko tokko soda qaban ibsataniiru.
Dhaaba ADDWUO(OPDO) irraa Abbaa Dulaa Gammadaa yokiin DR. Warqinaa Gabayyoo filuun caasaa bulchinsa Oromiyaa jirtu diiganii haarawa jaaruuf Hooggantoonni TPLF akka karoorfatan dhagahmeera.
Yaa’tahuu malee, Wal-gaiin cufaan deemaa waan jirtruuf yaadni kami akka fudhtamee gadi bahu eeggamaa jira.