Hojjattoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa sababa daawwaannaa jedhuun gara Ameriikaa deemuun baasii tokkoo malee tajaajila dahuumsaa argachuun isaanii akka isa Soodachiisee Imbaasiin Amerikaa Itoophiyaa jiru beeksiiseera

Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa iyyaannoo daandii Qilleensa Itoophiyaa dhiyeesseen hojjattoonni daandiicha yeroo gara garaa Amerikaa deemuun waldhaansa kamuu argatan akka gabaasuuf gaafachuusa gaazeexxaan Addis Forchuun gabaaseera. Imbaasiichi maqaa hojjattoonni Daandii qilleensa Itoophiyaa sababa daawwaanna jedhun gara Amerikaa deemuun tajaajila dahuumsaa fi kan biroo argatan harka akka qabu beeksiiseera. Hojjattoonni daandiichaa wayita Viisaa isaanii haaromsachuuf gara imbaasiicha dhaqan dhimmaa kana qaama ilaaluutti ...

Read More »

Abbaan-Alangaa mormii Dr Maraaraa Guddinaa irratti deebii Mana Murtiif dhiyeesseera

Doktar Mararaa Guddinaa yakka shororkeesummaa Abbaan Alangaa mootummaa Itoophiyaa ittiin isaani himaatef mormuun deebii dhiheeffachuun isaanii ni yaadatama. Dr Maraaraa Guddinaa mormii isaanii kanan Dr Birhaanuu Naggaa fi Juhaar Mohammaad wajjiin himatamuu hin qabu jechuun himaannaan isaanii adda bahee akka ilaallamu gaafataniiru Abbaan Alangaa garuu galmaa fi kaayyoo tokko waan qabaniif himannaan isaanii adda bahuu hin qabu jechuun deebii kenneera. ...

Read More »

Murtii Bulchiinsi Mootummaa Donaald Traamp bajeeta gargaarsa biyyoota alaaf kennamu hir’isuuf dhiyeenya murteesse Itoophiyaa adda durumaan akka miidhu gabaafameera.

Bulchiinsi mootummaan Donaald Traamp bajeeta bara 2017/ 2018 torbee kana keessa dhiyeesseen maallaqa gargaarsa biyyoota alaaf kennamu waliigalaatti dhibbeenta 31 akka hir’ise Gaazeexxaan The East African jedhamu gabaaseera Tarkaniiffii mootummaan Amerikaa gargaarsa maallaqaa biyyoota alaaf kennu hir’isuuf fudhate kanan Itoophiyaa fi Ugandaan adda durummaan akka miidhaman gaabafameera Mootummaan Itoophiyaa karoora bajeeta Amerikaa itti aanuu kanan gargaarsi dolaarii miiliyoona 100 mfi ...

Read More »

Kuusaan maallaqa sharafa Alaa kaffaltii meeshaalee ji’oota lama hanga sadii gahuutti gara biyyaa galaniif kaffaluuf kan dandesiisu qofa akka jiru Baankiin Biyyaaleessa mirkanesseera

Daldaltoonni meeshaalee biyyoota alaatii bitanii galchaan rakkoo sharafa alaa biyyaatti mudate wajjiin walqabatee sharafa alaa argachuuf hanga ji’oota jahaaf dabaree eegaa akka jiran himaniiru. Hogganaan baankii Biyyaaleessa Itoophiyaa obboo Taklawald Axinaafuu dhimma kana ilaalchiisuun gabaasa raawwii ji’oota sagalii mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru. Kuusaan sharafa maallaqaa alaa yeroo ammaa jiru baasii meeshaalee ji’oota lama hanga sadii giddutti gara biyya ...

Read More »

Godina Wallaaggaa Lixaatti Albuuda Sookkoo Oomishuuf qophiirra kan jiru Kampaaniin Kaafaa Miniraal jedhamu miidhaa naannoo irraan gaheen beenyaa dolaarii miiliyoona 12 akka kaffalu gaafatameera.

Kampaaniin biyyaa Ingliizii Kaafaa Miniraal jedhamu naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti Albuudaa Sookkoo Oomishuuf qophii irra akka jiru beeksiseera. Kampaaniichi Pirojektii kana osoo hin fudhane dura bara 1998 hanga 2006tti albuudaa sookkoo wayita barbaadu naannoo irratti miidhaa qaqqabsiise jechuun mootummaa naannoo Oromiyaa mana murtiitti akka isa himate beeksiiseera. Mannii murtii Ol -Iyyaannoo Oromiyaa himaannaa kana erga dhaggeeffate booda kampaaniichi miidhaa ...

Read More »

Interpirayiziin Geejjibaa fi Lojistikisii Gaalaanaa Itoophiyaa Sababa hanqina sharafa alaatiin hanga karoorfateen meeshaalee alaa galan geejjebsiisuu akka hin dandeenye beeksiiseera

Interpirayiziin Geejjiiba fi Lojistikisii Gaalaanaa Itoophiyaa sababa hanqina sharafa alaa biyyaatti mudateen ji’oota saglan darban meeshaalee alaa gara biyyaa keessa galan hanga karorfateen geejjeebsiisuu akka hin dandeenye beeksiiseera. Daldaltoonni meeshaalee biyyaa alaatii fidaan sharafa biyyaa alaa gahaa waan hin arganeef fi dameen Lojistiksii addunyaa laafaa waan dhufeef hanga karorfame raawwachuu akka hin dandeenye Interpirayiziichi gabaasa dhiyeesseen beeksiseera Interpirayiziin kun ji’oota ...

Read More »

Warshaa Shukkaaraa Arjoo Dhidheessaa Oomisha dhaabuu isaa gaabafame.

Warshaan Shukkaaraa Arjoo-Dhidheessaa ijaarsi misooma jallisii xumuramuu waan hin dandenyeef hanqina shonkooraa irra kan ka’e oomisha akka dhaabee miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. Warshaan kun bara 2007 oomisha kan jalqabe yoo ta’u, bara kana garuu ji’oota lamaaf qofaf shukkaara oomishee akka ture himameera. Ijaarsi misooma jallisii oomishaa shankooraa warshichaa waan harkifateef lagaa bishaan ujummoon harkisuun itti fayyadamuun akka furmaataatti fudhatamus rakkoo humna ...

Read More »

Loltoonni Itoophiyaa fi Keeniyaa Sumaliyaatti bobba’aanii jiraan lammiilee nagaa irratti tarkaniiffii humna olii akka fudhatan Dhaabbaanni Gargaarsa tokko gabaasa baaseen beeksiiseera.

Daangaa Itoophiyaa fi Sumaliyaattii Liyyuu Pooliisiin horsiisee bultoota Sumaalee irratti dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa akka jiru Raadiyoon Sagaleen Amerikaa sagantaan Afaan Sumaalee gabaasa dhaabbaticha waabeffachuun gabaaseera. loltoonni mootummaa Itoophiyaa dubartoota humnaan gudeedu dabalatee miidhaa qaama hir’isuu akka raawwatan gabaafameera Naannoo daangaa Itoophiyaa fi Sumaliiyaa irra kan buqqa’ee namni Mohammaad Muktaar jedhamu obboleettiin isaa hangafiin Ruuqiiyaa jedhamtu ji’oota 15 dura liyyuu ...

Read More »

Naannoo Gambeellaatti Abbootiin Qabeenyaa Invastimantii qonnaa irratti bobba’an 260 ol mootummaan naanniicha eyyama invastimantii isaanii waliigaltee tokko malee akka jala haqe himaniiru

Naannoo Gambeellaatti lafa abbaa qabeenya tokko kenname kan biraa akka ragaatti qabsisee maallaqa ittin liqeeffachaa turuun waan beekameef, dhimmii kun hanga qulqulleeffamuutti abootiin qabeenya hojii isaanii akka adda kutan ajajamuun waggaa tokko ol akka turan kunniin himaniiru. Mootummaan dhimma kana qoratee erga xumure booda gara hojiitti deebi’uuf abdiin eegaa turaniis mootummaan naannoo Gambeellaa waliigalteen abbootii qabeenyaa 269 akka hafu guchuun ...

Read More »

Kampaanii Ingiliizii Kaafaa Miniraal Naannoo Oromiyaatti Albuudaa Sookkoo oomishuuf qophii irra jiru taaksii birrii miiliyoona 30 ol mootummaa irra akka deebifate beeksiiseera

Kaampaanii Kaafaa Miniraal Godina Wallaaggaa Lixaa ganda Tulluu Qaapiitti Albuuda Sookkoo Omishuuf kaampaanii biraa irra wayita fudhatu seeraan ala taaksii akka kaffalu taasifame jechuun komii dhiyeeffate ture. Abbaan Taayitaa Galiiwwaan fi Gumuruukii Itoophiyaa birrii miiliyoona 73 seeraan ala akka kaffaluu waan dirqisifameef maallaqni kun akka deebi’uuf gaafacha tureera. Kampaaniich tibbaanna Oomisha Albuuda Sookkoo jalqabuuf qophii irra wayita jiruutti mootummaan Itoophiyaa ...

Read More »