Murtii Bulchiinsi Mootummaa Donaald Traamp bajeeta gargaarsa biyyoota alaaf kennamu hir’isuuf dhiyeenya murteesse Itoophiyaa adda durumaan akka miidhu gabaafameera.

Bulchiinsi mootummaan Donaald Traamp bajeeta bara 2017/ 2018 torbee kana keessa dhiyeesseen maallaqa gargaarsa biyyoota alaaf kennamu waliigalaatti dhibbeenta 31 akka hir’ise Gaazeexxaan The East African jedhamu gabaaseera
Tarkaniiffii mootummaan Amerikaa gargaarsa maallaqaa biyyoota alaaf kennu hir’isuuf fudhate kanan Itoophiyaa fi Ugandaan adda durummaan akka miidhaman gaabafameera
Mootummaan Itoophiyaa karoora bajeeta Amerikaa itti aanuu kanan gargaarsi dolaarii miiliyoona 100 mfi miiliyoona 32 akka jala hir’atu gaazeexxaan kun gabaaseera.
Mootummaan Ugandaas tarkaniiffii Mootummaan Amerikaa maallaqa gargaarsa hir’isuuf fudhatu kanan dolaarii miiliyoona 68 akka dhabu gabaafameera.
Bulchiinsi mootummaa Donaald Traamp maallaqni gargaarsa misoomaaf biyyoota gara garaaf kennamaa ture hir’atee gara gargaarsa diinagdeetti akka jijjiramuuf murtii irra akka gahe himameera.
Imammaanni Mootummaa Amerikaa haaraa kun biyyoota kanan duraa kallatiidhaan deegarsa maallaqa misoomaan biyyaatti irra argachaa turan jala akka hir’atu taasifamuusa qondaltoonni biyyaatti himaniiru.
Imammata haaraa kanan Itoophiyaa fi Ugandaa malee Ruwandaan dolaarii miiliyoona 51 Tanzaniyaan immoo dolaarii miiliyoona 12 akka jala hir’atu himameera. Sumaliiyaan immoo dabalataan gargaarsa dolaarii miiliyoona 36 aragate jirti.
Keeniiyaa dolaarii miiliyoona 12 akkasumas Sudaan Kibbaa dolaarii miiliyoona 11, Burundiin immoo dolaarii miiliyoona 10 jala hir’ata jedhameera.
Itoophiyaa deegarsa maallaqa Mootummaa Amerikaa irra argatu dolaarii miiliyoona 100 fi miiliyoona 32 dhabuun biyyoota Afriikaa keessa sadarkaa tokkoffaa irratti ni argamti
Pirizedantiin Amerikaa Donaald Traamp gargaarsi Maallaqaa misoomaa biyyii isaanii biyyoota alaaf kenna turte gara gargaarsa diinagdeetti jijjiruun biyyoota faayeda Amerikaa kabachiisan gargaaruun tasgabbiin diinagdee fi siyaasa fuduuf karoorfachuun isaanii himameera.
Haluuma kanan, Amerikaan deegarsa diinagdee dhunfaaf xiyyeeffannaa kan kennitu yoo ta’u, Itoophiyaa dabalatee biyyoonni biroo baay’een deegarsi misoomaa aragacha turan akka jala hafu himameera.
Itoophiyaa, Keeniiyaa , Ruwaandaa , Taanzaniyaa fi Ugandaan gargaasi misoomaa argachaa turan gara deegarsa diinagdeetti jijjiramee tokkon tokkoon isaanii dolaarii miiliyoona 200 ni argatu jedhame ni eegama .
Biyyoonni akka Burundii , Sumaliiyaa fi Sudaan kibbaa kanan dura Mootummaa Amerikaa irraa gargaarsa misoomaa argacha waan hin tureef , imammata gargaarsa haaraa ammaa kanan xiyyeeffaannan adda akka kennamuuf himameera.
Ministirri Faayinansii Taanzaniyaa Filiip Mipangoo tarkaniiffii mootummaa Amerikaa karoora bajeetaa biyyaa isaanii irratti dhiibaa akka qabu miidiyaalee biyyaa isaaniitti himaniiru
Mootummaan Itoophiyaa garuu dhimma kana ilaalchisuun hanga ammatti deebiin kenne hin jiru