Warshaa Shukkaaraa Arjoo Dhidheessaa Oomisha dhaabuu isaa gaabafame.

Warshaan Shukkaaraa Arjoo-Dhidheessaa ijaarsi misooma jallisii xumuramuu waan hin dandenyeef hanqina shonkooraa irra kan ka’e oomisha akka dhaabee miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Warshaan kun bara 2007 oomisha kan jalqabe yoo ta’u, bara kana garuu ji’oota lamaaf qofaf shukkaara oomishee akka ture himameera.
Ijaarsi misooma jallisii oomishaa shankooraa warshichaa waan harkifateef lagaa bishaan ujummoon harkisuun itti fayyadamuun akka furmaataatti fudhatamus rakkoo humna ibsaa waan mudateef hin milkoofne jedhameera.
Warshichi buufanni humna ibsaa akka dhaabamuuf gaaffaatuus hatattamaan deebii argachuu akka hin dandenyee beeksiiseera
Ijaarsa misooma Jallisii Warshichaa hojjachaa kan jiru Dhaabbanni Ijaarsa Hojiiwwan Bishaanii Oromiyaa ijaarsa misoomaa jallisii warshicha bara 2003 xumuru kan qabu yoo ta’u, hanga ammaatti garuu raawwiin ijaarsaa dhibbeenta 48.3 irra akka jiru hubatameera.
Dhaabbatiichi ijaarsa misooma jallisii kana sababa galteewwan ijaarsaa dhiyeenyaatti argachuu dhabuu fi qonnaan bultootaaf beenyaan yeroon kaffalamee kaasuun waan hin danda’amneef harkifate jedheera.
Hidha misooma jallisii warshichaa waggaatti bishaan meetr kiyuubii biiliyoona 2 kuusuuf humna akka qabu himameera.
Bishaan hidhicha keessatti kuufame lafa hektaara kuma 80 misoomsuu akka danda’u tilmameera.
Dhaabbaanni Ijaarsa hojiiwwaan Bishaanii Oromiyaa pirojektoota ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu naanniichaa caalbaasii malee fudhachuun yeroo jedhamee fi qulqullinaan xumuru dhabuun komatama akka ture ni yaadatama.